header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Waraanni Gazzaa irratti taasifamu hin dhaabbatu

Oolmaa Falasxiin October 31, 2023

Muummichi Ministeera Israa’el, Benjaamin Netaniyaahuu, waraanni Gazzaa irratti godhamaa jiru hin dhaabbatu jechuun dubbate. “Waraanni kun yoo gareen Hamaas barbaadaye qofa dhaabbata malee, wanti waraana dhaabuu jedhu hin jiru. Osoo addunyaan guutuu waraana dhaabuurratti walii galellee nuti waraana hin dhaabnu. Waraana dhaabaa jechuun du’uuf qophaayaa akka nuun jechuuti” jechuudhaan dubbate.

Haleellaan waraanni Israa’el Gazzaa irratti raawwatu hammaatee itti fufeera. Waraanni israa’el lafoo fi taankiidhaan Gazzaa gama kaabaan seenee jira. Wal waraansi lafootis geggeeffamaa jira. Gama biraatiin haleellaan misaa’elaa fi xayyaaraan taasifamus akkuma itti fufetti jira. Haleellaa halkan wiixataa taasifameen yoo xiqqaate namoonni 14 ajjeefamuun isaanii mirkanaayeera. Namoota biroo barbaaduunis akkuma itti fufetti jira.

Lakkoofsi lammiilee Gazzaa keessatti ajjeefamanii 8,306 caalee jira. Ammas lakkoofsi lammiilee ajjeefamanii dabalaatuma jira. Akka gabaasni dhaabbata mootummoota gamtoomanii ibsutti, namoota Gazzaa keessatti ajjeefaman keessaa dhibbeentaa 70 ol kan ta’an ijoollee fi dubartoota. October 7 irraa kaasee Gazzaa keessatti Guyyaa guyyaan ijoolleen 420 ta’an ajjeefamaa ykn miidhamaa jiran.

Hamaas guyyaa kaleessa viidiyoo dubartoota sadih kan lammiilee Israa’el gad dhiisee jira. Viidiyoo Kanaan Dubartoonni sunniin waraanni akka dhaabbatuu fi mootummaan Israa’el akka gad isaan lakkisiisu gaafatan. Viidiyoo Kanaan wal qabatee, muummichi Ministeera Israa’el, Netaniyaahuun, “olola sammuuti” jechuun deebise. “Waraana irraa of duuba nu deebisuu yaadu. Nuti garuu injifannu malee hin dhaabnu. Hidhamtoota fi booji’amtoota keenyas ni bilisoomsina” jedhe.

Gama biraatiin waraanni Israa’el fi Hizbullaah wajjiin Lubnaan keessatti geggeeffamaa jirus cimee itti fufeera. Hizbullaah guyyaa kaleessa kaampii waraana Israa’el irratti haleellaa raawwatuu beeksiseera. Muummichi Ministeera Lubnaan, Najiib Mikaatii, waraanni kun akka gara Lubnaan hin babal’anne waan danda’u hunda godha jechuun dubbate.

Hoogganaan Ministeera ittisaa Sa’ud Arabiyaa Khaalid bin Salmaan marii gorsaa nageenyaa White House waliin taasise irratti waraanni saffisaan akka dhaabbatu gaafate. Ameerikaan irra deddeebitee akka beeksisaa jirtutti waraana dhaabuu hin deeggaru jetteerti. Garuu qarqaarsi hawaasumaa akka taasifamuuf jecha yeroofis taatu akka addaan citu ni deeggara jette. “Michuun teenya Israa’el of ittisuu mirga qabdi. Kanaafuu nageenya isiitiif waan yaaddoo itti ta’e hunda dhabamsiisuu irratti isii deeggarra. Garuu gargaarsi hawaasummaas akka taasifamu ni carraaqna” jechuun dubbate.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button