header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Hoggantoonni Turkiyaa fi Ruusiyaa Idliib keessatti naannawa lola irraa bilisa tahe daangessuuf walii galan

Prezdaant  Rajab Xayyib Erdogaan Isniina har’a gara Ruusiyaa imaluun, magaalaa Soochii keessatti Prezdaant Vilaadmiir Puutiin waliin dhimma Suuriyaa irratti mari’ate. Hoggantoonni lamaan marii isaanii booda ibsa miidiyaaleef kennaniin, Suuriyaa kutaa Idliib keessatti naannawa hidhattootaa fi meeshaalee waraanaa irraa bilisa tahe daangessuuf kan walii galan tahu ibsan. Naannoon lola irraa bilisa akka tahuuf yaadame, jidduu naannawa finciltoonni too’atanii fi kutaalee mootummaan Suuriyaa bulchuu akka tahu walii galan.

 

Sanadii waliigaltee hoggantoonni lamaan mallatteessan kana irratti, haala naannawa Idlib tasgabbeessuudhaaf, finciltootaa fi mootummaan Suuriyaatis naannawa kana keessatti sochii waraanaa geggeessuu irraa akka of qosatan kan gaafatu tahuun beekameera.

Prezdaant Erdogaan waliigaltee kana ilaalchisee yaada kenneen, “waliigalteen kun gaaga’ama guddaa Idliib keessatti uumamuuf dhihaate kan hambise”jechuun hime. Puutiin ammoo gama isaatiin “naannoon lola irraa bilisa akka tahu yaadame hanaga October 15/2018 tti  gama Idliibitti kilomeeira 15 hanga 20tti ni bal’ata”jedhe.

Mootummaan Suuriyaa michuu isaa Ruusiyaa waliin tahuun Idiliib keessatti qilleensa irraan haleellaa kan jalqabe yoo tahu, finciltoota irratti duula bal’aa tahe jalqabuudhaaf kan qophaayaa jiru tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button