header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo BiyyaaUSA

Ameerikaa keessatti namoonni hidda dhaloota Ityoophiyaa qaban 100 ol sababa Vaayirasii koroonaatiin du’uu gabaafame

Ameerikatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Obbo Fitsum Araggaa VOA’f ibsa kenneen, lammiileen Ityoophiyaa fi lammiileen Ameerikaa hidda dhaloota Ityoophiyaa qaban 100 ol tahan, kutaalee Ameerikaa gara garaa keessatti sababa dhibee Vaayirasii koroonaatiin kan du’an tahuu hime. Obbo Fitsum akka jedhetti, lammiileen Ityoophiyaa hedduun maneen kunuunsa manguddootaa dabalatee iddoowwan tajaajila gara garaa keessa waan hojjataniif vaayirasii kanaaf kan saaxilaman tahuu hime.
Lammiileen hidda dhaloota Ityoophiyaa vaayirasii kanaan qabaman hundi akka lammii Ameerikaatti waan galmaa’aniif, Imbaasiin Ityoophiyaa ragaa gahaa kan hin argatin tahus, odeeyffannoon hanga ammaatti argame kunis waldaalee fi dhaabbiilee hawaasa Ityoophiyaa irraa ta’uu hime.
Gama biraatiin ammoo Ityoophiyaatti sa’aa 24 darbe namoota 842 qorannaan laaboraatoorii godhameef jidduu, namoonni 4 vaayrasii koroonaatiin qabamuun akka mirkanaahe Ministeerri Fayyaa beeksise. Namoonni vaayrasichi irratti argame arfanuu lammiilee Ityoophiyaa tahuu ibsame. Haaluma kanaan Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamuun mirkanaahee 96 gahee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button