“Sosochiin lafaatuu hagana hin ulfaatu” jiraattoota Gazzaa
Oolmaya Falasxiin Nevember 3, 2023
Waraanni Israa’el Gazzaa irratti duula taasisaa jiru cimsee itti fufeera. Taankii fi meeshaalee waraanaa jajjabaan manaa fi karaa caccabsaa Magaalaa Gazzaa marsanii jiran. Xayyaarri waraanaa ammoo Gazzaa irratti haleellaa qilleensa gubbaan taasisus jabeessee jira. Halkan kaleessaa Jabaliyaa, Bureeyj, Bet Laahiyaa, magaalaa Gazzaa, Al Zaytuun fi Xal al hawaa keessatti boombii harcaasaa bulan.
Haleellaa halkan kaleessaa Magaalaa Khaan Yunis, mana jireenya gaazexeessaa TV Falasxiin kan ta’e, Muhammad Abu Haxab irratti taasifameen, isa dabalatee miseensonni maatii isaa 10 ajjeefamanii jiran. Muhammad akkuma dalagaa deebi’ee mana ol seeneen boombiin mana isaa dhahee isaa fi maatii isa galaafate. Israa’el haleellaa October 7 irraa kaasee Gazzaa irratti taasisaa jirtuun haga ammaatti Gazexeessitoonni Falasxiin 27 ta’an ajjeefamanii jiran.
Hoogganaan amantii Iiraan Ayaatolah Ali Khaamenii haleellaa israa’el taasisaa jirtu hordofee, Israa’el “Sodaa fi burjaajjii” keessa jirti jechuun dubbate. “Mootummaan Israa’el ummata isaarraa deeggarsa argachuudhaafis ummata isaatitti kijibaa jira. Waa’een booji’amtootaa na yaachisa jechaa naannawa booji’amtoonni itti hidhaman xayyaaraan haleeluun waan hin fakkaanne. Qarqaarsi Ameerikaa osoo jiraatuu baatee guyyoota muraasa keessatti afaan isii qabachiisna” jechuun dubbate. Israa’el mootummaa Iiraan akka diina tokkoffaatti laalti. Iiraan walitti dhufeenya cimaa Hamaas fi Hizbullaah wajjiin qabdi.
Guyyaa Khamisaa waraanni Israa’el misaa’el 10 Kaampii Bureeyj irratti roobse. Namoonni 15 ajjeefamuun isaanii mirkaneeffameera. Caccaba manaa jalatti hedduun dhokatanii waan jiraniif lakkofsi kun ni dabala jedhamee eeggama. “Sosochiin lafaatuu hagana hin ulfaatu. As yoo dhaabbatte ni duuta, meetira 300 asirraa fagaattes yoo dhaabbatte ni duuta. Wanti ta’aa jiru waan sirriitii miti” jechuun jiraataan tokko Al Jaziiraatti hime.
Waraanni Israa’el duula kafoodhaan taasisaa jiruun lafa hedduu qabataa jiraatus loltoonni isaatis du’aa jiraachuu amane. Haga ammaatti eega duula lafoo jalqabanii as loltoonni Israa’el 24 du’anii jiran. Waraanni Israa’el loltoonni jalaa ajjeefamaa jiraatanis duula lafoodhaan taasisaa jiru kan itti fufu ta’uu beeksise.
West Bankittis lammiileen Falasxiin hedduun ajjeefamanii jiran. Guyyaa Khamisaa Yoo xiqqaate namoonni 7 ajjeefamuu isaanii Al Jaziiraatu gabaase. Duula Kaampii Jenin irratti taasifameen namoonni 4 ajjeefamanii 12 ammoo madaayanii jiran. Kaampii Al Fawwaar keessatti ammoo namoota lamatu ajjeefame. Qandaliyatti ammoo namni tokko ajjeefameera. Dargaggeessi guyyaa Arbi’aa qawweedhaan dhawamee tures guyyaa kaleessaa du’uun isaa beekkameera. Walumaa galatti Waraanni Isra’el West Bankitti haga ammaatti namoota 140 ajjeesee jira.