header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad daaw’annaa hujiitiif gara Awurooppaa Imale

Dr Abiy affeerraa Prezdaantii Faransaay Imaanu’eel Makron fi Chaansilarii Jarman Anjeelaa Maarkel irraa dhihaateen gara Awurooppaa imale. Haaluma kanaan har’a Faransaay magaalaa Paaris kan seene yoo tahu, qondaaltonni biyyattii ol’aanoo fi lammiileen Ityoophiyaa biyyoota Awurooppaa jiraatan simannaa ho’aa godhaniifii jiru. Dr Abiy Prezdaantii Faransaay waliin dhimmoota daldalaa, Investimantii fi haala nageenya gaanfa Afrikaa irratti mari’achuuf kan karoorfatan tahuu ibsi waajjira Ministeera hajaa alaa irraa bahe ni mul’isa.

 

Haaluma walfakkatuun muummichi ministeeraa gara Jarman Imaluun Chaansilarii biyyattii waliin kan mari’atu yoo tahu, dhuma irrattis magaalaa Frankfurt keessatti lammiilee Itoophiyaa guutuu Awurooppaa irraa dhufan kanneen baay’inni isaanii 25,000 tahan waliin mari’achuuf kan karoorfate tahuun beekameera. Ministeera haajaa alaa Dr Warqineh Gabayyoo dabalatee qondaaltonni birootis muummicha ministeeraa waliin gara Awurooppaatti kan imalan tahuun beekamee jira.

 

 

 

 

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button