header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Naannoo Amaaraa Godina Wolloo keessatti Majliisni ulamaa’otaa fi hayyoota gurguddoo hammate hundeeffamuu gabaafame

Korri Ulamaa’onni fi hayyoonni Wolloo gurguddoon irratti hirmaatan magaalaa Dasee keessatti kan geggeeffamaa ture yoo tahu, Alhada har’aa Majliisni Muslimoota godinoota Wolloo Kaabaa, Wolloo Kibbaa fi Godina Oromoo Wolloo Kamisee bakka bu’u kan hundeeffame tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Sabtii kaleessaa Ulamaa’onni fi hayyoonni godina Wolloo Kibbaa kora guddaa Imaamman, Jaarsoliin biyyaa, dargaggoonni fi walumaa galatti hawaasni godinichaa 300 ol irratti hirmaate qopheessuun marii geggeessaniin, mana marii Ulamaa’ota miseensa 9 qabu fi boordii hayyoota 7 hammate kan hundeessan tahuu gabaafame. Haaluma wal fakkaatuun Ulamaa’onni Godina Wolloo Kaabaa fi Godina Oromoo Wolloo kanaan dura hoggantoota isaanii filatanii kan turan tahuun beekamee jira.

Haaluma kanaan Ulamaa’onni fi hayyoonni godinoota sadeenii walitti dhufuun har’a magaalaa Dasee Masjiida Furqaan keessatti marii geggeessaniin, Majliisa Walii gala Wolloo kan hundeeffatan yoo tahu, haaluma wal fakkaatuun Majliisni Walii gala Wolloo kunis miseensota Mana Marii Ulamaa’otaa 9 fi miseensota Boordii Hayyootaa 7 godinoota sadeen irraa filatuun nagayaan kan xumurame tahuu odeeyfannoonni addeessa.

Kora guddaa milkiin xumurame kana bakka bu’oonni hawaasa muslima godina sadeenii aanolee 43 irraa dhufan kan irratti hirmaatan akka taheefi, filannoo Majliisa Walii gala Wolloo booda ibsa ijjannoo kan baasan tahuu ibsame. Ibsa ijjannoo kanaan Majliisni seeraan alaa Godina Woloo keessa ture hanga Khamiisa-Onkololeessa 27/2012tti waajjira majliisa haaraya ummataan filatameef dabarsee akka kennu, kana raawwachuu yoo dide ammoo waajjirichi akka saamsamu kora walii galaatiin kan murtaaye tahuunis beekamee jira.

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button