“Gazzaa irratti Niwkularri haa dhoofamu” Ministera Israa’el
Oolmaya Gazzaa November 5,2023
Hoogganaan Ministeera Hambaalee Israa’el, Amichaay Eliyaahuu, Gazzaa irraa namni hundi haxaawamee akka baafamu gaafate. Miseensa garee finxaaleeyyii Yahuudaa kan ta’e Eliyaahuun haasawa raadiyoo Israa’el tokko waliin taasiseen, “Falasxiinonni Gazzaa jiran hundi baafamanii, gammoojjii tokkotti ykn ammoo gara biyya Ayarlaand haa geeffaman. Israa’elonni Gazzatti deebi’anii qubsuma ijaaratuu qabaatan. Yoo barbaachisaa ta’es, Niwkularri irratti dhoofamuu danda’a” jechuun dubbate. Dubbii isaa kana Muummichi Ministeera biyyattii Benyaamin Netanyaahuu akka gaaritti hin fudhanne. Namichas qeeqee akka aangoorraa ari’amu taasiseera. “Wanti Amichaay Eliyaahuu jedhe dhugaa lafa jirtu kan akeekuu miti. Nuti seerota addunyaa hunda kabajnee, Seera waraanaa guuttannee namoonni dhimma kana keessaa harka hin qabne akka hin miidhamne hojjataa jirra” jechuun dubbate.
Duulaa fi Weerarri waraanni Israa’el West Bankitti godhus hammaatee itti fufee jira. Guyyaa Alhadaa, waraanni Israa’el weerara magaalota garagaraa keessatti taasiseen Falasxiinota 46 hidheera. Akka tajaajilli oduu Falasxiin ibsetti, Magaalaa Raamallaah gandoota garagaraatti duula taasifameen namoonni 14 hidhamanii jiran. Dabalataan magaalaa Khaliil keessaallee Falasxiinonni 14 hidhamaniiran. Magaalaa Jeniin irraa namoonni 9 magaalaa Nablus irraa ammoo namoonni 4 hidhamaniiran. Walumaa galatti halkan kaleessaarraa kaasee haga ganama harraatti tarkaanfii waraanni Israa’el fudhateen Falasxiinonni 3 West Bankitti ajjeefamaniiran.
Itti gaafatamaan dhimma alaa Ameerikaa Antony Blinken gara Raamallaah imaluun hoogganaa Falasxiinotaa Muhammad Abbaas waliin mari’ateera. Haa ta’u malee marii gabaabduu qofa eega taasisaniin booda osoo ibsa hin kennin adda bahan. Hoogganaan Falasxiinotaa Muhammad akka waraanni dhaabbatu gaafatuun isaa beekameera. Blinken garuu yaada waraana dhaabuu jedhu kana waan hin deeggarreef walii galtee dhabuu isaaniititu himame. Blinken marii isaa itti aanuuf gara Turkiyaa imalee jira.
Israa’el haleellaa raawwattu cimsitee itti fufteerti. Dhaabbileen garagaraatis haleellaa Israa’el jalaa bahuu hin dandeenye. Guyyaa Alhadaa ganda Zeytuun fi Sabraa keessatti masjiidota argaman lama irratti haleellaa raawwattee jirti. Haleellaa bakkoota garagaraatti raawwatameenis namoonni 30 ol ajjeefamanii jiran.
Yaalamtoonni 100 Hospitaala Shifaa keessatti du’uu akka danda’an hospitaalichi beeksiseera. Sababa boba’aa dhabuutiin ifaan adda cita taanaan yaalamtoonni dhibba kan kutaa deeggarsa addaa keessa jiran lubbuu isaanii dhabuuf deeman jechuun Doktorri Hospitaalichaa tokko Aljaziiraatti hime.
Lakkoofsi namoota ajjeefamanii haalaan dabalaa jira. Ammatti lammiileen 9,770 ajjeefamaniiran. Kanniin keessa 4,880 ol ijoollee xixiqqoodha. Kuma 26 ol kan ta’an ammoo madaayaniiran. West Bankitti 152 ajjeefamanii, 2,100 ol ammoo madaayaniiran.
Hiriironni garagaraa Magaalaalee addunyaa garagaraa keessatti geggeeffamaa jiran. Indoneezhiyaatti namoonni kumaatamaan lakkaawaman waraanni akka dhaabbatu gaafatuun hiriira kan taasisan yoo ta’u Ameerikaa fi Ingliiz keessatti namoonni hedduun yakka duguuggaa sanyii Falasxiin irratti taasifamaa jiru balaaleeffatanii jiran.