header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mana baruumsaa keessatti Falasxiinonni 50 ajjeefaman

Olmaya Falasxiin November 18,2023

Israa’el haleellaa harra gara barii ganamaatti raawwatteen yoo xiqqaate falasxiinota 50 ta’an mana baruumsaa keessatti ajjeefteerti. Haleellaan harra ganamaa kun osoo namoonni rafan kan raawwatame ta’uun isaa miidhaan cimaan akka dhaqqabu taasiseera. Haleellaan Mana baruumsa Al Fakhuuraa kan kaampii baqattoota Jabaliyyaa keessatti argamu irratti raawwatame kun ji’uma kana keessa yeroo lammaffaaf kan raawwatameedha. Lammiileen Falasxiin hedduun haleellaa waraana mootummaa Israa’el baqachuudhaan mana baruumsaa keessatti daheeffatanii turan. Manni baruumsaa kun dhaabbata mootummoota gamtoomaniin too’atama. Haa ta’u malee haleellaa jalaa bilisa hin baane. Osoo namni rafaa jiru namoonni nagayaa 50 ta’an ajjeefamaniiru.

Suuraaleen viidiyoodhaa kan AlJaziiraan guyyaa harraa gad lakkise akka mul’isetti namoonni nagayaa ajjeefaman kutaawwan mana baruumsichaa garagaraa keessatti ciisanii mul’atu. Ijoolleen xixiqqoonis keessatti argamu. Manni baruumsaa kun yeroo hunda haleellaa Waraana Mootummaa Israa’el jalaa bilisa bahee hun beeku. Yeroo waraana Gazzaa kana bra 2009 fi 2014 irrattis manni baruumsa Al Fakhuuraa kun haleelamee ture.

Haleellaan Mana baruumsa Al Fakhuuraa irratti raawwatame kun lammiilee humnaan buqqaasuu yoo taate malee kaayyoo biraa tokkollee hin qabu. Mootummaan Israa’el Falasxiinonni hundi kaabaa Gazzaa gad lakkisanii akka bahan barbaada. Inumayyuu Gazzaa guutuu gad lakkisuun gara Masr akka baqatan barbaada. Kanaafuu karaa argame hundaan, namni akka nageenyi itti hin dhagahamne godhuun kaayyoo waraana mootummaa Israa’eliiti.

Gama biraatiin Hospitaala Al Shifaa keessatti daba guddaattu geggeeffamaa jira. Lammiileen Falasxiin kan achitti daheeffatanii jiranis akka gad lakkisanii bahan taasifamaa jira. Namoonni hedduunis gad lakkisanii bahanii jiru. Haa ta’u malee akkaataan waraanni Israa’el lammiilee Falasxiin itti keessummeesse kan nama qaanessuudha. Namoonni achi keessatti argaman hiraara guddaaf saaxilamaniiru. Poolisiin saa’aa hedduuf kutaa kophaa keessatti ukkaamsuun doorsisa garagaraa raawwateera. Akka warri ijaan arge AlJaziiraatti himetti, dubartoonni wayta Hospitaalicha gad lakkisanii bahan uffata irraa mulquudhaan sakatta’anii jiran. Kunis kabajaa dubartoota Muslimaa qaanessuuf kan taasifameedha.

Ammaaf namoota muraasa qofatu Hospitaala Al Shifaa keessatti hafe. Daayreektarri Hospitaalichaa Muhammad Abu Salmiyaa Aljaziiraatti akka himetti, Isaa fi namoota muraasa tajaajilaaf achitti hafan yoo taate malee hospitaalichi guutumaan guututti too’annoo mootummaa Israa’el jala seeneera. Ijoollee xixiqqoo reef dhalatanii kunuunsi addaa godhamaafii jiruu fi wal’aanamtoota dhibee kalee qofaatu achitti hafe. Yaalamtoonni kunuunsa addaa barbaadan kunniin saffisaan achii baafamanii yaala yoo hin argannee du’uu akka danda’an dubbate.

Waraanni Israa’el haleellaa Khaan Yuunis irratti raawwateenis lammiileen Falasxiin 28 ta’an ajjeefamaniiru. Haleellaan ganda Hamaad irratti raawwatame Kanaan hedduun madaawanii jiran. Ammas namoonni caccaba jalatti awwaalaman waan jiraniif lakkoofsi kun dabaluu danda’a jedhameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button