header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaan Gazzaa irratti raawwatamu irra deebiin jalqabame

Olmaya Falasxiin December 1, 2023

Waraanni Israa’el akkuma dhaadatetti haleellaa Gazzaa irratti raawwataa ture, boqonnaa guyyootaatiin booda itti deebi’eera. Akka dubbii himaan waraana Israa’el jedhetti, haleellaan kun kan duraanii caala cimee itti fufa. Kanaanis ganama harraa irraa jalqabee nannawa garagaraatitti haleellaan xayyaaraa geggeeffameera. Akka Ministeerri fayyaa Gazzaa ibsetti yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 29 ta’an ganama harraa naannawa garagaraatti haleellaa xayyaaraatiin ajjeefamaniiru.

Waraanni lafoo kan loltoota Hamaas fi Israa’el jiddutti godhamus bifa haarawaan geggeeffamaa jira. Akka Aljaziiraan gabaasetti Kaaba Gazzaatti wal waraansi kun bakkoota garagaraatti bifa hammaateen geggeeffamaa jira. Taankiiwwan Israa’el ammoo Kaampiiwwan baqattootaa kan jiddu galeessa Gazzaa keessatti argaman, Nuseeriyaat fi Bureeyj irratti haleellaa geggeessaa jiru.

Haleellaan Israa’el bifa haarawaan jalqabus, Qaxar fi Masr ammas nagaya buusuudhaaf hooggantoota Hamaas fi Israa’el waliin marii taasisaa jiru. Ammas waraana kana dhaabuudhaaf carraaqaaru.

Xayyaaroonni Israa’el magaalaa Khaan Yuunis irrattis waraqaa dhaamsa garagaraa qabu harcaasaa jiru. Akka dhaamsa waraqaa irratti barreeffametti yoo ta’e, jiraattonni Gazzaa kan Khaan Yuunis jiran gara kibbaa, gara daangaa Masr akka baqatan ajajamaniiru. Duraan Israa’el ummata Kaaba ture buqqistee gara kibbaa akka deeman taasistee turte. Amma ammoo gara Masr baasuuf jirti fakkaata. Kanaafis lammiileen Gazzaa miiliyana 2.3 ta’an hundi gara magaalaa daangaa Masr irratti argamtu Raafah akka deeman ajajaa jirti. Ummanni Gazzaa kanaaf qophii akka hin taanes dubbataa jiru. Ummannis gara deemu hin qabu. Haleellaa ganama harraa geggeeffameen namoonni sagal Raafah keessatti ajjeefaman. Kanaafuu garam baqanna jechuun miidiyaaletti himan.

Ministeerri dhimma nageenyaa Israa’el, Itaamar Ben-Gvir, Gazzaa barbadeessuuf dhaadateera. Barreeffama harra ganama X irratti barreesseen, “waraanni keenya humna qabu hundaan Gazzatti deebi’ee ni barbadeessa. Daa’imman keenya hidhaa jiran kan haga ammaa hin hiikamiif, akkasumas kanneen ajjeefamaniif jecha dabalataanis mudannoon gaafa 7/10 akka hin mudanne taasisna. Hamaasis gara laafinaa fi walii galtee tokkoon malee ni barbadeeffama” jedhe.

Gama biraatiin dubbii himaan Hamaas Osaamaa Hamdaan nagayaaf qophii ta’uu isaanii kan ibse yoo ta’u, Israa’el garuu fudhatuu didde jechuun Aljaziiratti hime. “Furmaanni waraana yeroof dhaabuu miti. Furmaanni weerara Israa’el dhaabuudha. Ijibbaata Masr fi Qaxar godhaa jiraniif galatoomfachuu barbaada. Akkaataa weerarri kun itti dhaabbatuu danda’us karaa godhanii turan. Ta’ullee haleellaan jalqabame kun waan hunda karatti dhaabe. Akkaataa ummata keenya fayyaduu danda’uun rakkoo kana dhaabuudhaaf nuti qophiidha. Haa ta’u malee warri gariin dhimma kanaaf bitamuu hin fedhan. Ameerikaanis Israa’el irratti dhiibbaa godhaa hin jirtu” jechuun bilbilaan AlJaziiratti hime.

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button