header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hawaasni Muslimaa magaalaa Harar walgahii prezdaantiin majliisa naannichaa duraanii waame hordofuun mormii geggeesse

Torbee darbe keessa Manni Marii dhimmoota Islaamaa naannoo Hararii prezdaantii majliisa naannichaa kan ture Muhammad Saabit aangoo irraa kaasuun Sheikh Ariif Amiin Sa’id muude. Haaluma walfakkaatuun itti aanaa prezdaantii kan ture Sheikh Abbaas aangoo irraa kaasuun  Haaj Towfiiq Abdallaah Muusaa tiin bakka  buusee ture. Walgahii torbee dabree kana irratti manguddoonni biyyaa, hawaasni muslimaa fi qondaaltonni mootummaa hirmaatanii akka turan gabaasni arganne ni ibsa.

 

Prezadaantiin Majliisa naannichaa duraanii Muhammad Saabit fi hooggantoonni biroo sababni aangoo irraa buufamaniif, eega muummichi ministeeraa koree dhimma hawaasa muslimaa qoratu hundeesse booda, ummata walitti qabuun “Wahaabiyyaa waliin tokko hin tanu”jechuun jeequmsa kaasuuf yaaluu isaaniitii fi akkasumas hawaasa muslimaa adda qooduun walitti buusuuf sochii jalqabuu isaaniitiin akka tahe beekameera.

 

Muhammad Saabit guyyaa kaleessaatis galma aadaa naannoo Harariitti dargaggoota gandoota baadiyyaa adda addaa irraa wamuun walgahii geggeessuuf kan yale yoo tahu, hawaasni muslimaa magaalaa Harar mootummaan akka sochii Ahbaashonni geggeessaa jiran kana dhaabsisu jechuun guyyaa hardhaa Biiroo Prezdaantii Naannoo Hararii fulduraati hiriira bahuun mormii dhageessisuu odeeyfannoo naannawa irraa arganne ni mul’isa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button