header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Jama’aan Gaaddisa Islaamaa Sheikh Muhammad Waadootiif badhaasa gumaache

Badhaasa Sheikh Muhammad Waadoo

Gaaddisni Islaamaa jaarmaya biyya Keniyaa Magaalaa Naayiroobii keessatti jaaramee yeroo dheeraaf hawaasa Muslima Oromoo tajaajilaa jiru yoo tahu, yeroo heddu hayyoota gurguddoo biyyoota adda addaa irraa afeeruudhaan sagantaa da’waa gurguddaa qopheessuudhaan beekama. dabalataanis Madrasaan Gaaddisa Islaamaatiin banamte ilmaan Muslimootaa diiniin qarutti jirti.

jama’aan hojii khayrii gurguddaan beekamu kun, Sheekha keenya jaalatamaa fi kabajamaa Sheikh Muhammad Waadootiif badhaasa Makiinaa gumaachee jira. sagantaan sirna badhaasaa kun guyyaa har’aa December 3, bara 2023 magaalaa Naayiroobii Masjiida karaa 2tti kan qophaahe hogguu tahu, saganticharratti keessummoonni gurguddoon heddu argamanii jiru. Dabalataanis hawaasni keenya kan magaalaa Naayiroobii qubatu saganticharratti argamuun, gammachuu guddaa itti dhagahame ibsatee jira.

 

Nutiis gama keenyaan hojii Jama’aan Gaaddisa Islaamaa hojjate kana akkaan kan dinqisiiffannu tahuu ibsuun, dalagaa keessan gaggaarii Rabbiin isinirraa haa jaalatu, toltuu hunda isiniif haa laaffisu jenna.

Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa

2 Comments

  1. masha’allah rabbin isaanirra hajalattu
    jama’an gaddisa islamalaama kun haaluma kanani
    cime utti fufu qaba

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button