header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Norweey Meeshaalee waraanaa Emreetitti gurguruu dhaabde

Noorweey  meeshaalee waraanaa Emreetiif gurguraa turte kan dhaabde tahuu ministeerri haajaa alaa biyyatti Aljaziiraaf hime. Emreets meeshaalee waraanaa Norweey irraa bitte waraana Yaman keessatti gaggeeffamaa jiru irratti fayyadamti sodaa jedhu kan qabu tahuu Mootummaan Norweey beeksise.

Hanga ammaatti meeshaaleen waraanaa Norweey keessatti Omishame, waraana Yaman keessatti adeemaa jiru irratti Emreets itti fayyadamuu ragaan jiraachuu dhabus, of eggannoodhaaf jecha walii galteen gurgurtaa meeshaalee waraanaa biyyoota lamaan jidduu ture kan dhaabbate tahuu ibsi mootummaa Norweey ni mul’isa.

Emreets fi Sa’udiin gamtaa waraana Arabaa yaman keesaatti finciltoota Huusii irratti waraana gaggeessaa jiru adda durumman kan hoogganan tahuun ni beekkama. Emreets bara 2016 qofa messhaalee waraanaa gatiin isaa Doolara miiliyoona 79 tahu Norweey irraa kan bitte tahuu gabaasni kun ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button