header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mariin waraana dhaabuuf taasifamu jalqabameera

Olmaya Gazzaa December 21, 2023

Waraana Gazzaa irratti taasifamaa jiru yoo xiqqaate torbaaniif dhaabuudhaaf mariin godhamaara. Marii kanaafis hooggantootni Hamaas magaalaa guddoo biyya Masr, kaayroo seenaniiru. Walii galtee waraana dhaabuu amma dura taasifamee fi torbaan tokkoof tureen Israa’el hidhamtoota 105 hiiksisteerti. Israa’elis Falasxiinota hiite keessaa kanneen 240 ta’an gad lakkisateerti.

San booda waraanatti deebi’anii lubbuun namaatis galaafatamaara. Yoo xiqqaate Falasxiinotarraa namoonni 20,000 caalan ajjeefamaniiru. Lakkoofsi kun lakkoofsa namoota caccaba jalatti dhokatanii of keessatti hin qabatu. Akka waraanni Israa’el ibsettis loltoonni isaa 133 ta’an erga duulli lafoo Gazzaa keessatti jalqabamee as ajjeefamaniiru. Hamaas lakkoofsi kana caaluu danda’a jedheera.

Yeroo ammaa kana hidhamtootni Israa’el 130 ta’an Gazzaa keessa akka jiran himameera. Kanniin keessaa yoo xiqqaate namoota 40 hiiksisuudhaaf Israa’el waraana torbaan tokkoof dhaabuu karoora qabdi. Marii kanarratti hirmaatuudhaaf hoogganaan Hamaas Ismaa’il Haniyeh magaalaa Kaayroo seeneera. Ismaa’il gara Kaayroo imaluu isaatiin dura itti gaafatamaa dhimma alaa Iiraan, Huseen Amir-Abdullahiyan waliin Dohaa keessatti mari’ateera.

Akka gabaasni AFP mul’isutti Israa’el dubartootni, ijoollee fi namoonni dhibee addaa qaban 40 akka hiikamaniif barbaaddi. Kana milkeessuufis waraana dhaabuu karoora qabdi. Dhimma kanarratti itti gaafatamaan CIA Bill Burns, muummichi ministeera Qaxar, Muhammad bin Abdurrahmaan bin Jassim Al Thaanii fi hoogganaan Moosaad (dhaabbata basaasaa Israa’el) Deevid Barnea biyya Pooland magaalaa Warsaw keessatti wal arganii mari’ataniiru.

Dhaabbatni mootummoota gamtoomanitis wiixinee waraana dhaabuu mootummaa UAE’n dhiheesserratti sagalee kennuuf karoora qabate yeroo biraatiif dabarseera. Wixineen waraana dhaabuu amma dura yeroo lama dhihaatee ture, sababa Ameerikaatiin osoo hin milkaayin hafe. Ameerikaan aangoo sagalee sagaleen haqutti fayyadamtee wixinee miseensonni hundi irratti walii galanii turan kuffisteerti.

Ammas UAE’n yeroo sadaffaan wixinee waraana dhaabuu fi gargaarsi namoomaa hedduminaan akka gara Gazzaa seenu gaafatu dhiheessitee jirti. Arbi’aa ykn Roobii kaleessaatis miseensonni mana maree Nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii, irratti mari’atanii sagalee kennu jedhamee eeggamaa ture. Haa ta’u malee gaaffii Ameerikaatiin sirni sagalee irratti kennuu yeroo biraaf akka darbu taasifameera.

Gama biraatiin dhaabbileen mirga namoomaa gara garaa aangawoota Israa’el mana murtii idil addunyaatti dhiheessuuf dalagaa irra jiru. Dhaabbanni DAWN (dimokraasii addunyaa arabaatiif) jedhamuu komaandoowwan Israa’el 40 irratti qorannoon yakka waraanaa akka godhamu mana murtii addunyaa ICC gaafateera. Ajajoonni waraanaa 40 kunniin yakka sanyii duguuggaa fi ajjeechaa gara jabinaa garagaraa Gazzaa keessatti raawwatame irratti qajeela hirmaannaa qabu jedhameera.

Kun osoo kanumaan jiru Israa’elis haleellaa isii Gazzaa irratti raawwattu jabeessitee itti fufteerti. Haga ammaatti yoo xiqqaate Falasxiinonni 20,000 caalan ajjeefamaniiru. Kanniin keessaa 8,000 ol ijoolleedha. Akkasumas kanniin 52,586 ta’an ammoo miidhamaniiru. Kanniin keessaallee 8,663 kan ta’an ijoolleedha. Kanniin 6,700 caalan ammoo achi buuteen isaanii dhabameera. Kanniin keessaallee 4,900 ijoolleedha. Gaazexeesitoonni 97, ogeeyyiin fayyaa 310 fi hojjattoonni hawaasummaa 35 haleellaa waraana Israa’eliin ajjeefamaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button