header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Kaabineen Israa’el dhimma Gazzaa irratti walitti bu’e

Olmaya Falasxiin January 8, 2024

  • Lammiileen falasxiin 73 halkan tokkotti ajjeefaman
  • Hamaas hoggantoota arabaa komate
  • Kaabinee Israa’el jiddutti wal dhibdeen hammaate

Waraanni Israa’el Gazzaa irratti raawwataa jirtu ji’a sadaffaa isaa qabatee jira. Ammas lubbuun nagayaa ummata Falasxiin galaafatamuurraa hin hafne. Haleellaa halkan alhadaa geggeeffameen lammiileen Falasxiin 73 ajjeefamanii kanneen 99 ta’an ammoo madaayuu ministeera Fayyaa Gazzaatu beeksise.

“Yeroon hirribaa dammaqu manaama akka ta’u hawwaa ture. Garuu dhugaatu mudate. Manni kiyyaa fi manni ilma kiyyaa barbadeeffameera. Maatii keenya keessaa namni 20 shahiideera. Haleellaa kanarraa hafnus gara deemu hin beeku” jedhe jiraataan magaalaa Gazzaa Manguddoon umrii 51 Nabiil Fathii.

Ammatti waraanni Israa’el Falasxiinota 22,800 caalan ajjeeseera. Kanniin 58,000 ol ta’an ammoo madaayaniiru.

Gama biraatiin, Biyyoonni Arabaa fi Muslimaa, wixinnee himannaa Afriikaa Kibbaan qophaaye deeggaruu dhabuu isaanii hamaas komateera. Afriikaan kibbaa Israa’el irratti himannaa banuudhaaf hojii jalqabdeerti. “Israa’el wanti Gazzaa keessatti raawwataa jirtu yakka Sanyii duguuggaatti. Gazzaa barbadeessun Falasxiinota dhabamsiisuu kaayyoo godhattee socho’aa jirti” jechuun ICC irratti himannaa jalqabdeerti.

Yaadni Afriikaa kibbaan jalqabame garuu biyyoota Arabaa fi Muslimaa ummata Falasxiin waliin jirra jedhurraa haga ammaatti deeggarsa hin arganne. Hoggansa Hamaas keessaa tokko kan ta’e Saamii Abu Zuhrii, “Cal’insa kanaaf dawaan wahii argamuu qabaata. Yoo hin taane, cal’iinsi kun weerartoota Israa’eliif Meeshaa ta’ee tajaajiluun waan Gazzaa keessatti hafe akka barbadeessan hayyama kennuu ta’a” jechuun hooggantoota qeeqe.

Gama kaaniin, Kaabinee Israa’el jiddutti wal amanitin dhabameera. Kaabineen waraanaa Khamisa darbe wal gahii taa’erratti walii galteerra gahuu dadhabee lolaan adda bahe. Waraana kana booda Gazzaan akkam ta’uu qabdiin ijoo dubbii haasawa isaanii ture. Gariin ummanni Gazzaa dachii tana gad lakkisee haa bahu jedha. Gariin ammoo dura irratti qorannoon haa geggeeffamu jechuun gaafatan. Kanumaan wal dhabanii arrabaanis walitti cehuu isaanii Aljaziiraatu gabaase. Wal gahiin sun wacaa fi wal lolaan adda bittannaayuu isaatis miidiyaaleen Israa’el gabaasaniiru.

Guyyaa Alhada kaleessaa ammoo wal gahii biraa qabu ture. Wal gahii kanarratti garuu miseensonni Paartii Tokkummaa Biyyaalessaa hin argamne. Mudannoo gaafa khamisaa sababachuun wal gahii kana lagatuu beeksisan.

Muummichi Ministeeraa Israa’el Benyaamin Netaanyaahuu, ministeerota isaa amanuun itti ulfaateera. Iccitiiwwan marii garagaraa osoo inni hin beekin bahutti jira. Kanuma hordofuun miseensonni kaabinee fi ministeerotni isaa hundi meeshaa kijiba namaa qabuun (Polygraph test) akka qormaataman barbaada.

Namni asitti argamee jiru kun hundi fi dhimma nageenyaarratti mari’atu hundi qoratamuu qaba. Haala Kanaan itti fufuun nutti ulfaata. Seerri waan kana dirqamsiisus dhiheenyatti ni baha” jechuun dubbate.

“Dhibee oduu baasuu” jechuudhaan gochaa kana kan ibse Netaaniyaahuun miseensota ministeeraa fi kaabinee irraa garuu mormiitu isa mudate. Hedduunis wal gahii akka lagatanis akeekkachiisaniiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button