Namni dachii tanarra haga jiraatu qaba. Gaafa guyyaan gahe gara irraa hafuun hin danda’amne gama du’aa imala. garuu waan du’aan wal fakkaatutu kan du’aan dura nama garii mudatutu jira. Sunis Koomaa jedhama. Koomaa jechuun namni tokko of wallaalee yeroo dheeraaf turuu jechuudha. Lubbuun keessaa hin baane, garuu akka nama jiruu sosocho’ee waa hin dalagu. Ijaan hin argu, arrabaanis dubbatee deebii hin kennu. Tarii gurraan dhagahuu danda’a. Garuu akkuma nama du’ee of wallaalee ciisa. quba qabduu teenya har’aatiin namoota muraasa kan waggaa dheeraaf koomaa keessa turan isinii dhiheessina.
Elaine Esposito
Elaine Esposito bara 1934 Ameerikaa keessatti dhalatte. Bara 1978titti ammoo duutee dachii irraa godaante. Gabaabumatti wagga 43 jiraatte. Haa ta’u malee umrii kana keessaa waggaa 37 Koomaa keessatti dabarsite. Kanaafuu wagga 6 qofa jiraatte jechutu irra dhugaa fakkaata. Elaine gaafa umriin isii waggaa 6 dhibee appendix ykn tirf anjat jedhamu dhibamtee hopsitaala seente. Appendix kana keessaa muruufis dawaa hadoochaa kennaniif. San booda qaama irraa muramuu qabu irraa muranii deebisanii hodhan. Haa ta’u malee Elaine achi booda hirribaa hin kaane. Yeroo tokko tokko ijaan nama ni laalti. Yoo gaafii gaafatamtu mataa isii sochoosuunis deebisaa ni kenniti. Haa ta’u malee hin dubbattu. Ol kaates hin deemtu. Wagga 37 fi guyyaa 111f eega koomaa keessa turteen booda bara 1978titti duutee addunyaa irraa galte. Intalti tun haga umriin isii waggaa 6 guututti akkuma daa’immanii fiigaa taphataa turte. Achi booda siree irraa osoo hin ka’in duutee dhabama taate.
Edwarda O’bara
Edwarda Obaaraa wagga 59f jiraatte. San keessaa 42 Koomaa keessatti dabarsite. Edwardaan dhibee sukkaaraa qabdi. Dawaan isiin afaaniin fudhataa turte ammoo dhiiga isii seenuu hin dandeenye. Bara 1970tti of wallaaltee hospitaala seente. San booda hirribaa hin dammaqne. Nyaatni ujummoodhaan kennamaafii ture. Maatiin olii gad garagalchaa wagga 42f kunuunsa godheefii jira. Haati isii wal’aansa isiitiif liqaa seentee, doolaara 200,000 ol idaan irratti bahe. Abbaan isii, isiin hospitaala seentee wagga 6 booda du’e. haati ammoo haga bara 2008titti ilmoo isii kunuunsaa turte. Wagga 4 booda ammoo Edwaardaan duutee dachii irraa godaante. Yeroo garii kasaaraa akkanaa kanatu nama mudata. Maatiin isii wal’aansa isiitiif doolaara kana hunda liqeeffate. Isiinis hin fayyine. Idaanis irraa hin hafne. Rabbiin kasaaraa akkanaa namarraa haa qabu.
Aruna Shanbaug
Arunaan lammii hindiiti. Ogummaadhaan Narsiidha. Wagga 66 jiraatte. San keessaa wagga 42 koomaa keessatti dabarsite. Bara 1973 osoma hopsitaala keessatti tajaajila kennaa jirtu, dargaggeessa Hospitaaluma san keessa hojjatu tokkoon yakki gudeeddii irratti raawwatame. Dargaggeessi wagga 25, Sohanlaal Walmikii jedhamu, hospitaaluma keessatti akka namni isa hin arginetti, Aruunaa wagga 25 ukkaamsee gudeede. Yeroo kanatti afaanii fi morma isii qabee akka isiin hin iyyine godhaa ture. Kun ammoo Oksijiiniin akka qaama keessa hin seenne godhe. Ujummoon oksijiinii gara sammuu geessus miidhamee dalagaa dhaabe. Kana booda gurbaan haajaa geeffatee deeme. Aruunaan garuu haga guyyaa itti aanuu hin argamne. Osoo mana qulqulleessan isii gaggabdee lafa dhoofte argan. San booda yaala duraa achumatti kennaniif. Yeroo sanitti waan gaafatameef deebisaa kennaa turte. Haa ta’u malee guyyaa muraasa booda koomaa keessa seentee of wallaalte. Osoma haala Kanaan jirtu dhibee michii sombaa jedhamuun qabamtee bara 2015tti duutee addunyaa tanarraa galte.
Kanarraa maal baranna. Rabbiin dhibee hedduu nurraa qabe. Dhibeen inni uumee qabu lakkofsa hin qabu. Akkuma quba qabduu har’aa keessatti dhageessan namni waggaa 40 ol siree irraa hin ka’inis ni jira. Nuti garuu yoo waa xiqqoo dhukkubsannee guyyaa 3 siree irra ciisnu Rabbiin komachuu eegalla. Of haa yaadannu. Tola inni nutti ooleef haa galata galchinu isiniin jenna.
Qophii: Abuu Ibtisaam