header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Shimbira Bishaanii: Avocet (Avoset)

Rabbiin guddaan Suuratul Nahl, Suuraa 16ffaa aayaa 79 irratti akkana jedha:

أَلَمۡ يَرَوۡاْ إِلَى ٱلطَّيۡرِ مُسَخَّرَٰتٖ فِي جَوِّ ٱلسَّمَآءِ مَا يُمۡسِكُهُنَّ إِلَّا ٱللَّهُۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يُؤۡمِنُونَ

 

Sila warri Rabbitti hin amanne sun, Waan dandeeytii Rabbii isaan garsiisu, waan bararaa laalanii hin arganii? Tan laaftutti barartu, qilleensa Samii keessa. Tan Rabbi malee, dandeeytii isaa malee,  wanti isii kufuurraa dhoorgu hin jirre. Kana keessa Ragaa dandeeytii Rabbii mul’attutu jira. Warra haqa dhugoomsuuf.  (Tafsiira Shekh Muhammad Rashaad)

 

Hedduun keenya xayyaara samii keessa barrisu yoo arginu ajaa’iba nutti ta’a. Dhugaadha! xayyaara sanuu hojjachuun waan ajaa’ibaati. Garuu sanirra wanti Ajaa’ibsiifamuu qabu, dandeettii Rabbii sammuu xayyaara hojjachuu danda’u uumeeti. Barruun tun waahee xayyaaraa irratti hin xiyyeeffatu. Namni dura xayyaara hojjate, Allaattii Rabbiin samii keessa akka barartu godhee uume irraa laallate. Sammuu Rabbiin isa badhaasetti fayyadamee, uumama Rabbii irraa laallatee xayyaara hojjachuu danda’e. Kanaaf nutis gosa Allaattii tokkoon wal isin barsiisuu barbaadne. Rabbiin (SW), Allaattii gosa garagaraa dachii tanarratti uumee, dandeettii isaatiin, samii keessa rakkoo takkaan maletti akka barrisan isaan taasise. Uumama kanniinis xiinxallinee akka ilaallus, Qur’aana isaatiin nuuf hime. Kanaafuu nutis uumama kanniin xiinxallinee ilaaluun barbaachisaadha, Tokkichummaa Rabbiitii fi guddina isaa beekuudhaaf akkaataa uumamaalee hunda inni uumee ilaaluun qofti gahaadha.

 

Uumamni har’aaf isiniif filanne Avoset jedhama. Avoset Shimbira bishaan keessaa jedhamee waamama. Sababni isaatis yeroo qilleensa gubbaa barrisu yoo taate malee, hedduminaan bishaan keessatti dabarsa. Sanyiin uumama kanaa gosa afurtu jira.  Isaanis, Pied Avocet, American Avocet, The Red-necked avocet, akkasumas Andean Avocet jedhamu. Sanyiin allaattii kanaa Hunduu naannoo jiidhaa fi qarqara bishaanii irra jiraatu. Qubsumni Pied Avocet Awrooppaa fi Eezhiyaa yoo ta’u, American Avocet, akkuma maqaa isaa kutaa Ameerikaa Kaabaa keessatti argama. Red-necked Avocet ammoo Awustraliyaa keessatti argama. Inni xumuraa kan Andean avocet jedhamu ammoo gaarreen Andes kan Ardii Ameerikaa Kibbaa keessaatti argamu keessa jiraata.

Avoset Shimbira qaama jiddu galeessaa qabu yoo ta’u, inni xiqqaan graama 311 ulfaata. Guddaan ammoo hanga graama 425 ulfaachuu danda’a. dheerinni isaatis haaluma sanyiitiin gargaarummmaa qaba. Inni irra gabaabaan seentimeetira 40 dheerata. Guddichi ammoo seentimeetira 45 dheerata. Koolli isaa qaama isaa caala dheerata. Kunis Seentimeetira 75 hanga 80 ta’a. halluun baallii isaa irra jiru adii fi gurraacha. Uumama kana keessaa wanti addaa fi ajaa’ibaa qoffee isaati. Qoffee akkaan dheeraa xiqqoo ol caafamu qaba.  Qoffeen Sanyii dhiiraa kan dhalaa irra dheerinna qaba. Qoffeen isaa kun waanuma akka tasaa argamee miti. Akkasumas waan faaydaa malee uumamee miti. Akkuma isinitti himne uumamni kun naannoo bishaanii fi qarqara laggeenii jiraata. Kanaafuu soorata isaa bishaan keessaa barbaadee argata. Waan bishaan keessa jiru qabachuudhaaf ammoo qoffee dheeraa barbaachisa. Sababa kanaaf Rabbiin guddaan uumama kanaa qoffee dheeraa kennuudhaan adlii dalage.

Avoset uumama foon sooratu yoo ta’u, soorata isaatis qaamman bishaanii keessaa argata. Kanaafuu soorata isaa argachuudhaaf bishaan keessa olii fi gad deemuun dirqama. Kana gochuudhaaf ammoo miila mijaahaa qabaachuu qaba. Rabbiin guddaan uumaan uumama hundaa, qubbeen isaa jiddu gogaa adda dhifamu kenneef. Miila Ajaa’ibaa kanaan lafa dhoqqeefi cirrachaa keessas rakkoo takka malee deemuu danda’a. Miilli isaa dhoqqeefi cirracha keessas akka gad hin seenne, gogaa qubbiin isaa jiddutti argamu kanatu dhoorga. Dabalataan allaattiin kun ija ajaa’ibaa badhaafamee jira. Ijji isaa bishaan keessattis haala gaariin waa arguu dandeetti.

Avoset garee uumee qubsuma gamtaa tolfatee jiraata. sababni isaa ammoo yeroo heddu naannoo irraa naannotti baqataa waan jiraatuuf,  yeroo baqatan kana diinarraa of eeguudhaaf waliin garee uumanii deemu. Yeroo haalli qilleensaa akkaan oowwuu fi yeroo roobni dhabamu, akkasumas qaamman bishaanii yoo goggogan, gara naannoo qilleensa mijaahaa fi jiidhina qabutti godaanu.

Haalli wal hormaata Allaattii kanaa haaluma allaattiiwwan hedduutiin wal fakkaata. Goojjee Killeen keessatti dhokfamtu eega ijaaranii booda, dhaltuun goojjoo san keessatti killee haga 4 buusti. Kana booda Kormaa fi haadhoonis wal gargaaranii hanqaaquu kana hammatu. Guyyaa 25 keessatti, hanqaaquun cabdee ilmoon keessaa baati. Ilmooleen haarawaatis haga gaafa ji’a tokko guutanitti maatima waliin turu. Avoset avreejiidhaan haga waggaa shanii lubbuun turuu danda’a.

Avoset diina heddus hin qabu. garuu Bineensonni akka  Adurree, Saree, Wiizilii fi Stoat jedhaman, hanqaaquufi ilmoolee xixiqqoo Adamsanii jalaa sooratu.  Kanaan alatti Avoset uumama qubsuma isaa keessa nagayaan jiraatuu danda’u jechuu dandeenya. Haa ta’u malee, ilmi namaa hamma murtaa’eenis ta’u dhiibbaa irraan gahuun isaa hin oolamne. Akkuma jalqaba barruu tanaa irratti ibsametti, uumamni kun qaamman bishaaniitti dhihaatee jiraata. Qaamman bishaanii keessaallee qarqara irra miilaan deemaa soorata isaa barbaaddata. Haa ta’u malee, naannoon qarqara bishaanii kun balfa garagaraatiin faalamuu isaatiin uumamani kun hamma murtaayes ta’u miidhamutti jira. Hayyama Rabbii guddaatiin allaatiin kun hanga waggaa 5-9 jiraatuu danda’a.

Qophii: Abu Ibtisaam

 

 

Back to top button