header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuSaayinsiif Teknoolojii

Hattuu Telegram Keessaa 

Applicationni Telegram yeroo ammaa kanatti beekamtii guddaa argachutti jira. Akka ragaan mul’isutti arraan tana namoota miliyoona 900 oltu Telegram fayyadamutti jira. Dhaabbileen heddu chaanaala telegram banachuun oomisha isaanii irratti beeysifatan. Dhaabbileen mootummaatis gama chaanaala telegraam kanaan odeeffannoo adda addaa ummataaf qooduu filatan. Kun ammoo Telegram ummata heddu biratti fudhatama guddaa akka argatu godhutti jira.

Applicationni telegram teknoolojiiwwan hammayyaa heddu qaba. keessumattuu faayila gurguddaa waliif dabarsuuf, footoofi viidiyoo qulqullina qabu osoo ‘compress’ hin godhin namaaf erguufi, barreelee dhedheertuu waliif katabuu irratti applicationota akka Whatsapp caalaa mijataadha. Kanaaf filannoo nama hedduu tahaa dhufe. Gama birootiin geemiiwwan adda addaa kan madda galii namaaf argamsiisuu malan jedhamanis Telegram irratti mul’achuu eegalanii jiru. Namoonni tokko tokko karaa telegram kanaan mallaqa hojjachuun akka dandahamus himu.

Telegram akkuma waan gaggaarii heddu qabu, wantoota akkaan fokkatan kan balaa guddaaf nama saaxilaniinis guuttamaadha. Dhimma kanarratti teknishaanni keenya Abulkhayr, mudannoo telegram irratti isa mudate akka armaan gadiitti barreeffamaan nuuf qopheeyse.

“July 15, 2024 Ganama isniinaa eegan hirribaa ka’ee daqiiqaa muraasa turee booda telefoona kiyya lafaa fuudhe. Guyyaan isniinaa guyyaa sagantaan soora qalbii ummataaf maxxanfamu waan taheef, sagantaa gaazexeessitoonni naaf ergan laaluuf telegram Kiyya bane. telegramni telefoona kiyyarraa ‘log out’ tahee jira. maaltu log out godhe jedhee daddafee komputer kiyya bane. computer kiyyarraahis log out tahee jira. hoggu tana rakkoon wahii akka jirtu hubadhe. telefoona kiyyarratti lakkofsa kiyya itti katabee bifa haarayaan log in godhe. computer irrattis log in godhee qorannoo jalqabe. hunda dura setting keessa seenee, telegramni kiyya computeraa fi telefoona meeqarratti akka log in godhame laale. yeroo kana akka malee rifadhe.

akkaawuntii telegraamaa kiyyaan iddoo 4 irraa log in godhame. inni lama telefoonaafi kompiyuutara kiyya. inni tokko Russia Moscow jedha. tokko ammoo biyya jarman natti mul’isa. ani biyya tana lameen irraa firas hin qabu, hiriyaas hin qabu. nama tokkos hin beeku. duuba haala kamiin telegramni kiyya achi dhaquu dandahe? shakkii malee telegramni kiyya ‘hack’ godhamuu isaa mirkaneeffadhe. itti aansuun kompiyuutaroota lameen biyya an hin beeyne irraa telegram kiyya fayyadamutti jiran delete gochuu yaale. garuu hin dandeenye. sabaan ammoo seera telegram baafate. akkaataa seera telegraamiin, nama jalqaba log in godhetu isa boodarra dhufe delete gochuu dandaha malee, inni booda dhufe kan dura seene delete gochuu hin dandahu. kana gochuuf yoo xiqqaate sa’aa 24 eeguun dirqama.

as biratti waan nama rifachiisu tokko isiniif himuu fedha. namoonni biyya adda addaa irraa telegrama kiyyaan seenanii fayyadamutti jiran, icciitii an telegram keessaa qabu hunda argutti jiran. yoo fedhan telegram kiyya fayyadamanii abbaa fedhaniif katabuu dandahan. nama fedhan arrabsuu dandahan. yoo barbaadan telegram kiyya fayyadamanii yakka hojjachuu ni dandahan ture. wanti nama gammachiisu garuu an telegram irratti icciitii tokkos namaaf hin ergu. durumaahuu telegram kanarraa shakkii goddoo waan qabuuf, qunnamtii telegram irraan godhu hundarratti if eeggannoo cimaa godhaa ture. kanaaf wanti gama kanaan na sodaachisu hedduus hin jiru. tarkaanfiin itti aanu saa’aa 24 eegee namoota kanniin remove godhuu waan taheef, yeroo tana abdii guddaan eeguu jalqabe.

wanti nama ajaa’ibu osoo sa’aa 24 hin guutin ammas isaan na dursanii telefoonaafi computer kiyya delete godhan. aniis irra deebi’ee haarayatti log in godhe. kanaafuu amma boodas sa’aa 24 biroo eeguun dirqama natti taha jechuudha. dubbiin akka ani yaadu naaf hin taane. hunda caalaa wanti yaaddoo natti tahe chaanaala telegram Nuuralhudaati. chaanaalli Nuuralhudaa accountii kiyya jala jira. Chaanaala kanarratti nama 24,000 oltu nu hordofa. Jarri telegram kiyya hack godhe kun chaanaala Nuuralhudaa irratti waan fokkataa heddu post godhuu dandahan. Kun ammoo waan hamaadha. Sababuma kanaaf waahila kiyya Abu ibtisaam dubbisee chaanaala Nuuralhudaa haala gaariin hordofi jedheen. Rakkina mudate hunda itti himee if eeggannoo barbaachisu hunda akka godhu yaadachiise. Achirraa osoo hedduus hin turin gareewwan biyya raashiyaa kan ani afaan isaanii hin beeyne heddu keessa na galchuu eegalan. Chaanaalota afaan Raashiyaafi Jarman kan waan fokkataa qaban heddu telegrama kiyyaan Join gochuu jalqaban. Anis taa’ee waan kana hunda takka takkaan remove gochuun dirqmaa natti tahe. Chaanala isaan telegram kiyyaan join godhan hunda remove godhaa, gareewwanis keeysaa if baasuun dalagaa guddoo naaf taate. Yoo xiqqaate daqiiqaa 10 kudhaniin chaanaala tokko keessa na galchan. Yeroo hirribaatis waan qaban hin fikkaatan. Tarii irratti wal jijjiiraa hojjatan taha. Yeroo hirribaa ka’u hunda gareefi chaanaala 30 ol keessatti if arga. Kana hunda takka takkaan remove gochuun dalagaa hifachiistuu naaf taate.

Guyyaa arba’aa July 17, 2024 ganamaan gara hojii deemee, achitti waan gaarii tokko yaadadhe. Amma dura telegrama kiyyaan kompiyutara waajjiraa irratti log in godhee ture. Kanaafuu akkuma biroo seeneen daddafee telegrama bane. Kompiyutarri sun cufaa waan tureef, telegramni kiyya achirraa log out hin taane. Anis daddafee setting keessa seenee jara telegrama kiyya hack godhe lameen delete godhe. Yeroo kana cinqaa jaraa irraa hara galfadhe. Telegramni kiyyas yeroof nagaya tahe. Galgala arba’aa wayta manatti deebi’u namtichi Russia irraa ammas itti deebi’ee na eege. Wayta telefoona kiyya banu garee heddu keessatti na dabalee jira. Yeroo kana tasgabbiin taa’ee itti yaade. Websaayitiiwwan adda addaa keessa seenee, karaa haakaroonni telegramaa ittiin nama seenan dubbise. Karaan isaan ittiin nama seenan inni guddaan karaa liinkiiti. Liinkii namatti erganii yeroo namni liinkicha tuqe odeeffannoo guutuu argatan. Haala salphaan telegram namaa cabsanii seenuu dandahan jechuudha. Karaan biroo ammoo karaa sooftiweerota kompiyuutaraati. Softweerota crack godhaman telefoonaafi computer irratti install godhuun waan hamaadha. Warri sooftiweera crack godhee bilaasha addunyaaf raabsu kun mallaqa takkas hin argatu. Garuu hojii isaanii dhoysaadhaan dalagatan. Softweera mallaqaan gurguramu bilaasha namaaf kennanii, icciitii nama sanii guutuu argatan jechuudha.

Amma carraan ani qabu waan tokko qofa tahuu mirkaneeffadhee jira. Suniis kompiyuutaroota kiyya hunda qulqulleessuudha. Data kopiyuutara irraa qabu hunda gama ‘Hard Disc’ dabarfadhee, kumpiyuutara manatti fayyadamu guututti format godhe. Kamisa ganama wayta biiroo dhaqu ammoo telegram achirraa qabu delete godhee, telefoona kiyyarratti bifa haarayaan seene. Paasswordii telegeraama kiyyaatis irraa jijjiire. Rakkoon telegram irraan na qunnamaa turte achitti narraa dhaabbatte. Haala kanaan telegraama kiyya hattoota harkaa baafachuu dandahe.

Tarkaanfii dhimma kanarratti fudhachuu qabu ammas hin xumurre. Amma booda telegram fayyadamuu dhiisuuf murteessee jira. Sababaan ammoo laafina telegraamaati. Telegram appliciation haala salphaan crack godhamuu dandahu. Yeroo rakkoon akkaanaa nama mudatu silaa dhaabbata telegram dubbisanii furmaata hatattamaa barbaadan. Kanaaf anis guyyama isniinaa yeroo telegramni kiyya hack godhamuu hubadhe san warra telegramitti katabe. Rakkoo jabdutu na mudatee na dhaqqabaa jedheen. Arra kunoo torban tokko geenye. Hanga ammaatti deebisaan isaan irraa argadhe hin jirtu. Dhaabbanni guddaan maamiltoota miiliyona 900 ol qabu akkana tahuun sirrii miti. Kun maamiltoota telegram fayyadamaniif rakkoo guddaadha.

Kan biroo ammoo wanti telegram irratti namaaf kataban hundi banaadha. Applicationonni akka whatsapp fi signal, tooftaa ‘end to end encryption’ jedhamu qaban. End to end encryption jechuun, yeroo namoonni lama waliif kataban, barruun isaan waliif kataban jara lameen qofa dhaqqabdi. Qaamni 3ffaa kan jidduu isaanii seenee icciitii isaanii argu hin jiru jechuudha. Telegram ammoo tooftaa kana hin qabu. Namni tooftaa kanaan telegram fayyadamuu fedhu, ‘Secret chat’ keessa seenee karaa saniin fayyadamuu dandaha. Kanaan ala chaatiin karaa ummanni hedduun fayyadamuun hojii irra oolu icciitii hin qabu. namni hack godhuu dandahu hundi laaftutti icciitii namaa arguu dandaha jechuudha. Haala kanaan namoonni heddu mallaqa guddaa kasaaran. Infoormeeshiina gurguddoo akka credit card fi lakkofsoota icciitii telegram irraan namaaf erganii, haakarootaan mallaqa guddaa saamaman. Namoonni gariin footoo fi viidiyoo qaama qullaa telegram irraan waliif erganii, guyyaa muraasa booda footoo fi viidiyoo san websaayitii pornography irratti argan. Haakaroonni telegram waan akkanaa haalaan fedhan. Viidyoofi footoon qaama qullaa websaayitii pornography irratti mallaqa namaaf argamsiisa. Kanaaf telegram namaa hack godhuu akkaan irratti xiyyeeffatan.

Dhumarratti namoota telegram fayyadamtaniif dhaamsa gabaabduu isiniif dhaama. 1. Yoo dandahame telegram fayyadamuu dhiisaa. Bakka telegram applicationota akka Whatsapp fi Signal fayyadamaa.

2. Yoo telegram fayyadamuun dirqama tahe ammoo, odeeffannoo icciitii tahaniifi footoo karaa telegram irraan namaaf erguu dhiisaa.

3. Setting keessa Privacy and security bakka jedhu seenaa, Two step verification ‘ON’ godhaa. Kun hanga tokko telegram keessan tiyfachuuf isin gargaara. Yoo waan kana enable gootan haakarri haala salphaan seenuu hin dandahu. Telegramni kiyya garuu osoma kun banaa jiru hack godhame. Tahus isa on godhuun akkaan barbaachisaadha.

4. ammas achuma keessaa email log in bakka jedhu tuqaa email keessan itti katabaa. Kunis security telegram hanga tokko ni jabeessa.

5. liinkii telegram irraan isinitti ergamu hundarratti if eeggannoo cimaa godhaa. Liinkiin karaa kamiinuu namatti ergamu balaa guddaa qabatee dhufuu dandaha.

Telegram Application banaadha. Icciitiin isaa eeggamaa miti. Kanaafuu if eeggannoo barbaachisaa tahe akka gootan isiniif dhaamaa barruu tiyya asirratti goolaba.”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button