header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Ustaaz Ahmaddiin Jabal dhukkubsatuun beekkame.

Miseensa Koree Furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa kan ta’e, Ustaaz Ahmaddiin Jabal mana hidhaa keessatti dhukkubsatee dararamaa kan jiru tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Ustaaz Ahmaddiin Jabal yeroo mana hidhaa Ma’akalaawii turetti qorattoonni mana hidhaa dararaa cimaa irratti raawwataa turuun ni yaadatama. Ustaaz Ahmaddiin Jabal yeroo ammaatti dhibee Kalee fi ujummoo fincaaniitiin kan qabame yoo tahu, bulchiinsi mana hidhaa Qaallittii yeroon akka wal’aanamu hayyamuu diduu irraan kan kahe, dhukkubbiin kan itti hammaataa dhufe tahuu maddeen gabaasaniiru. BBN ogeeyyii fayyaa hospitaala Phaawuloos wabeeffachuun akka gabaasetti , Bulchiinsi mana hidhaa, Ustaaz Ahmaddiin Jabal guyyaa beellama isaatti hospitaalatti akka hin argamne waan dhoorkeef , dhukkubbiin sadarkaa hamaa irra kan gahe tahuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button