header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Qondaalli U.N. Yaman Beela Hamaaf kan Saaxilamaa jirtu tahuu Akeekkachiise.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Itti aanaa dhimmoota  Namoomaa kan ta’e, Mark Lowkok, Gamtaan Waraana Biyyoota Arabaa Sa’udiin durfamuu  uggura Yaman irra kaayan akka kaasan gaafate.

Misaa’ila gareen Husii gara magaalaa Riyaad darbatan hordofuun, gamtaan waraana Sa’udiin hoogganamuu, daandiiwwan Qilleensaa, Galaanaa fi Lafaa gara Yaman seensisan hunda cufuu beeksise. Sa’udiin daandiiwwan hundaa kan cufteef, Misa’ela dabalatee Meshaaleen waraanaa Iiraan garee Husiif ergitu dhaabsisuuf akka ta’e beeksifte.

Iiraan gama Isitiin meeshaa waraanaa kamiyyuu finciltoota Huusii kan hin hidhachiisin tahu dubbatte.

Mark Lowkok Roobii kaleessaa uggura Yaman irra kaayame ilaalchisee mana marii nageenyaa mootummoota gamtoomaniitiif eega ibsa kenneen booda, repoortarootatti yemmuu dubbatu “uggurri Yaman irra kaayame hatattamaan yoo hin ka’in, beelli haman kan uumamu ta’uu mana marichaatiif ibsee jira” jedhe.

“beelli uumamaa jiru ammoo kan lubbuu miiliyoonotaa balleessu fi beela addunyaan woggoota dheeraa asitti hin argin” tahuu beeksise.

Jalqaba torbaana kanaa, U.N. fi Dhaabbanni Fannoo Diimaa ibsa waliin baasaniin lammiilee Yaman kanneen gargaarsaa harkaa gara afaaniitiin jiraataa turan irraa dhaabuun balaa daangaa hinqabne kan dhaqqabsiisu tahuu akeekkachiisan.

Dhaabbanni Fannoo diimaa   dawaan lammiilee Yamaan 900,000 ol tahan kanneen dhibee koleeraatiin qabaman waldhaanuuf garasitti fe’ame, biyyattii osoo hinseenin  kan uggurame tahuu beeksise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button