header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
NHTV

Taarziyaar: Bineensa Hin Limsanne

Taarziyar bineensa xiqqoo halkan halkan qofa sochootuudha. Kan argamtus bosona Eshiyaa kibba lixaatti. Bineensi tun ganaa namaa kan hin caalle yoo taatu waan nyaattu adamsuudhaan argatti. Baay’inaan wantoota akka lootuu, ilbiisotaa fi Sinbirroota garagaraa soratti. Wanti bineesota kaan irraa adda isa godhu ija isaati. Guddina qaama isaatiin wal bira qabnee yoo ilaallu ijji isaa ija bineensota horsiiftota ta’an hundaa ni caala. Qaama isaa hagas xiqqaatu irratti ija firii Inabaa gahu qaba. Ijji isaa kun mataa isaa irratti kan argamu yoo ta’u qolli isaa itti hin deebi’u ykn hin limsatu jechu. Morma isaa digrii 180 akka Urunguutti naanneessuu ni danda’a.
Ijji isaa lamaan kopha kophaatti ulfaatina sammuu isaa ni caala. ijji isaa akkuma guddina isaatti argaa irrattis qaroodha, keessattu yeroo halkaniitti waan barbaadde adda baafatuu danda’a. Bineensi kun ifaa ija namaatiif ulfaataa ta’e kan akka Altraa Vaayooleetii arguu ni danda’a. Haa ta’u malee bifa wantootaa adda baafachuu irratti rakkoo qaba.

Back to top button