header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Loltoonni Israa’eel Gaazaa keessatti nama 2 ajjeesan

Loltoonni Israa’eel lammiilee Falasxiin labsii Traamp mormaa turan irratti dhukaasuun, namoota 2 battalumatti ajjeessuun, namoota 70 ol ammoo kan madeessan tahuu Ministeerri Fayyaa Falasxiin beeksise.

Mormii guyyaa har’aa daangaa Gaazaa fi Israa’eelitti  gaggeefame kana irratti, loltoonni Israa’eel boombii Imimmanii fi rasaasa gara ummataatti kan dhukaasan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Haaluma walfakkaatuun West Bank keessattis namoonni 33 ol dhukaasa loltoonni Israa’eel ummata irratti bananiin madaayanii hospitaala kan seenan tahuu ibsi ministeera fayyaa kun ni mul’isa.

Labsii Traamp hordofuun eega mormiin jalqabamee asitti Falasxiinonni 8 ajjeefamaniiru. Guyyaa kaleessaa Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii labsii Traamp kana sagalee ol’aanaa ta’een fudhatama kan dhabsiise tahuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button