header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Komaand Poostiin namoota mormii bahan irratti tarkaanfii kamiyyuu kan fudhatu tahuu beeksise.

Mormiin ummataa godina wallaggaa magaalota Naqamtee fi Dambiidoolloo keessatti jalqabame kan itti fufe yoo tahu,  waraanni makkaalaakayaatis namoota harka qullaa bahan irratti dhukaasuun hanga ammaatti namni tokko kan ajjeefamee fi namoonni 15 ol tahan ammoo Kan madaayan tahuun beekameera.

 

Komaand Poostiin dhimma kana ilaalchisee ibsa guyyaa hardhaa baaseen, waraanni makkalaakayaa namoota mormii bahan irratti tarkaanfii kamiyyuu akka fudhatu, kan hayyamameef tahuu ibse.  Namoota miseensonni paarlaamaa labsii yeroo muddamaa kana akka kuffisaniif bilbilaa gaafatan irratti tarkaanfii kan fudhatu tahuu ibse.

 

Mootummaan naannoo Oromiyaa gama isaatiin ibsa baaseen, “qaamota nageenyaa labsii yeroo hatattamaa raawwachiisan waliin dargaggoonni walitti bu’uu hin qaban” jedhe. Guyyaa kaleessaa dubbi himaan OPDO, dhaabbanni  labsii yeroo hatattamaa kana ni deeggara jechuu isaa gabaasuun keenna ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button