header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaKoroonaaOdeeyfannoo

Indooneezhiyaa fi Urduuniitti Masjidoonni banaman

Tatamsa’ina weerara dhukkuba Koroonaa-vaayras to’achuuf biyyoonni hedduun Masjidoota dabalatee, tarkaanfii manneen amantaa cufuu fudhatanii turan.

Dhukkuba kana jalaa baraaramuuf, uggurri kun Istaadiyeema, mana taphaa, waajjiroota daldalaa, Konsertiileefi Hoteellan gurguddaa mara, walumaa galatti bakka namni itti walitti qabamu hundatti labsame.
Ammaatti biyyoonni hedduun uggura labsame laaffisuun, masjidoota dabalatee wiirtuuwwaan daldaalaa banamaa jiru.

Haaluma kanaan torban dabre, Masjiidoota kabajamoo lamaan Masjid al Nabawii fi Masjid al Aqsaa dabalatee biyyoota Addunyaa hedduu keessaatti masjidoonni uummataaf banamaniiru.

Juma’aa har’aatis Urduun fi Indooneezhiyaatti masjidoonni ji’oota lamaaf cufamanii turan banamuu gabaafame.

Mootummaan Urduun juma’aa har’aa, haala wal irraa fageenya hawaasummaa eegatee fi dhibee kanaaf hin saaxilamneetti, masjidoonni hawaasaaf akka banaman ajaje.

Salaata Juma'aa Urduun June 5,2020
Salaata Juma’aa June 5,2020 Masjida Umar Urduun Magaalaa Ammaan

Indooneezhiyaatis haala walirraa fageenya hawaasummaa eegateetti, guyyaa har’aa masjidoonni guutuu biyyaatti kan banaman tahuu gabaafame.

Jakaartaa
Salaata Juma’aa june 5,2020 Magaalaa guddoo Indooneezhiyaa Jakaartaatti

4 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button