header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Miseensonni Parlaamaa Labsii yeroo muddamaa irratti guyyaa boruu sagalee kennu jedhamee eeggama.

Labsiin yeroo muddamaa eega labsamee hardha guyyoota 14 lakkoofsisee jira. Labsiin kun miseensota mana mareetiif osoo dhiyaate hin mirkanaayin duratti hojii irra oolfamuun ummata irratti tarkaanfiin seeraan alaa kan fudhatamaa jiru yoo tahu, guyyaa boruu itti fufiinsa labsii kanaa irratti miseensonni mana maree sagalee kennu jedhamee eeggama.

 

Miseensoonni Paarlaamaa guyyaa boruu labsiin kun akka kuffifamu sagalee caalmaa yoo kennatan labsichi kan hafu yoo tahu, yoo kan hin kuffisne tahe immoo Waraanni Mootummaa akkuma labsii kanaan duraa hidhaa fi ajjeechaa raawwataa ture ammas kanuma itti fufu tahuus himameera.

 

Labsii yeroo muddamaa kana dhaabbilee mirga namoomaa dabalatee Ambaasadaroonni Biyyoota adda addaa seeraan ala jechuun balaleefatu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button