header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Labsii Prezdaantiin Ameerikaa Al-Quds magaalaa guddoo Isra’eel jechuun baase hordofuun mormiin cimee itti fufee jira.

Lammiileen Falasxiin guyyaa sadiif mormii cimaa kan geggeessaa jiran yoo tahu, mormii naannawa weest Baankii fi baha Al-Qudsiitti geggeeffame irratti waraanni mootummaa Isra’eel nama tokko ajjeesuun, namootni 200 ol kan miidhaman tahuu gabaasni ministeerri fayyaa Falasxiin irraa bahe ni mul’isa.

 Ministeerri Barnoota Falasxiin akka Lammiileen Falasxiin bahanii fincilaan waamicha godhe hordofuun, barattooni Yuunivarsitii, manneen barnoota Sadarkaa tokkooffaa fi lammaffaa fincila kana irratti hirmaataa kan jiran tahuu gabaafameera.

Mootummoonni biyyoota adda addaatis Labsiin Traamp kun kan ummata Falisxiin fi Isra’eel jiddutti lolli akka cimu godhuu fi nageenya naannichaa booressu jechuun balaleeffatan.

Haaluma walfakkaatuun biyyoota adda addaa keessatti ummanni muslimaa Imbaasiiwwaan Ameerikaa duratti bahuun mormii cimaa dhageessisaa jiraatuu odeeyfannoo ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button