Ministeerri barnootaa caasaa sirna barnootaa haaraya qopheessuu beeksise

Caasaan Sirna barnoota haarayatti qophaahe sadarkaa sadi kan qabu akka taheefi, haaluma kanaan waggaan 6 sadarkaa jalqabaa, waggaan 2 barnoota jiddu galeessaa, waggaan 4 ammoo sadarkaa 2ffaa akka ta’utti kan qophaaye tahu Ministeerri Barnootaa beeksise.
Ministeerri Barnootaa Dr. Xilaayee Geetee akka ibsetti, sirna barnootaa haaraya 6-2-4 jedhamee moggaafame kanaan, Barattoonni kutaa 6ffaa yeroo xumuran qormaata naannoo kan fudhatan yoo tahu, qormaanni kutaa 8ffaa kanaan duraa sadarkaa naannootti kennamaa ture hafee; kan biyyoolessaa ta’a jedhe. Haaluma kanaan qormaanni biyyoolessaa kutaa 10ffaa kan hafu tahuu ibsame.
Ministeerri barnoota akka ibsetti, Â qormaanni kutaa 12ffatti kennamu ammoo kan barattoonni qabxii gahaa fidan gara dhaabbilee barnoota olaanootti ittiin seenan akka tahu murtaahee jira.
Muhichoogee@gmail.com