Al-Yaminul Ghamuus (Kakuu Kijibaa)
Kakuu kijibaa jechuun haqa nama biraa fudhachuuf wanta darbee irratti osoo beekanu kakachuudha. Zuur, Faajirah jedhamuunis ni waamama. Kakuun kijibaa ghamuus jedhamee kan waamameef abbicha ibiddatti waan dabarsuufi. Kakuun kijibaa badii gurguddaa keessaa tokkoodha. Namni kana hojjatu badii guddaa hojjataa jira.
Abdullah ibn Mas’uud akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“Namni qabeenya nama Muslimaa yookiin obboleessaa isaa harkatti galfachuuf kakuu sobaa kakatee, Rabbiin isarratti kan dallanu ta’e Isa qunnama.”Rabbiin ergasii hadiisa armaan olii kan dhugoomsu Aayah buuse,
اÙÙ†ÙŽÙ‘ الَّذÙÙŠÛ¡Ù†ÙŽ يَشۡتَرÙÙˆÛ¡Ù†ÙŽ بÙعَهۡد٠اللّٰه٠وَاَيۡمَانÙÙ‡ÙÙ…Û¡ ثَمَنًا Ù‚ÙŽÙ„Ùيۡلًا اÙولٰٓـئÙÙƒÙŽ لَا خَلَاقَ Ù„ÙŽÙ‡ÙÙ…Û¡ ÙÙÙ‰ الۡاٰخÙرَة٠وَلَا ÙŠÙÙƒÙŽÙ„ÙّمÙÙ‡Ùم٠اللّٰه٠وَلَا يَنۡظÙر٠اÙÙ„ÙŽÙŠÛ¡Ù‡ÙÙ…Û¡ ÙŠÙŽÙˆÛ¡Ù…ÙŽ الۡقÙيٰمَة٠وَلَا ÙŠÙزَكÙّيۡهÙÙ…Û¡, ÙˆÙŽÙ„ÙŽÙ‡ÙÙ…Û¡ عَذَابٌ اَ Ù„ÙÙŠÛ¡Ù…ÙŒ” ï´¿3:77ï´¾
“Dhugumatti, isaan waadaa Rabbii fi kakuu isaanii gatii xiqqaan jijjirratan, warri suni Aakhiratti qoodni homaatu isaaniif hin jiru. Rabbiinis Guyyaa Qiyaamaa isaan hin dubbisu, gara isaaniis hin ilaalu; isaan hin qulqulleessu. Adabni laalessaanis isaaniif jira” (Suuratu Aali-Imraan 3:77)” Sahiih Al-Bukhaari 6659
ØَدَّثَنÙÙŠ Ù…ÙØَمَّد٠بْن٠بَشَّارÙØŒ Øَدَّثَنَا ابْن٠أَبÙÙŠ عَدÙÙŠÙÙ‘ØŒ عَنْ Ø´Ùعْبَةَ، عَنْ سÙلَيْمَانَ، وَمَنْصÙورÙØŒ عَنْ أَبÙÙŠ وَائÙÙ„ÙØŒ عَنْ عَبْد٠اللَّه٠ـ رضى الله عنه Ù€ عَن٠النَّبÙÙŠÙÙ‘ صلى الله عليه وسلم قَالَ “”” مَنْ ØÙŽÙ„ÙŽÙÙŽ عَلَى ÙŠÙŽÙ…Ùين٠كَاذÙبَةÙØŒ Ù„ÙيَقْتَطÙعَ بÙهَا مَالَ رَجÙÙ„Ù Ù…ÙسْلÙم٠أَوْ قَالَ Ø£ÙŽØ®Ùيه٠لَقÙÙŠÙŽ اللَّهَ وَهْوَ عَلَيْه٠Øَضْبَان٠“”””.” Ùَأَنْزَلَ اللَّه٠تَصْدÙيقَه٠“{“Ø¥ÙÙ†ÙŽÙ‘ الَّذÙينَ يَشْتَرÙونَ بÙعَهْد٠اللَّهٔ}”
قَالَ سÙلَيْمَان٠ÙÙÙŠ ØَدÙيثÙÙ‡Ù Ùَمَرَّ الأَشْعَث٠بْن٠قَيْس٠Ùَقَالَ مَا ÙŠÙØَدÙّثÙÙƒÙمْ عَبْد٠اللَّه٠قَالÙوا Ù„ÙŽÙ‡Ù Ùَقَالَ الأَشْعَث٠نَزَلَتْ ÙÙÙŠÙŽÙ‘ØŒ ÙˆÙŽÙÙÙŠ صَاØÙب٠لÙÙŠØŒ ÙÙÙŠ بÙئْر٠كَانَتْ بَيْنَنَا”.”
Kanaafu, namni haqa namaa nyaachuf kakatuu hin qabu. Yoo akkana godhe, dallansuu Rabbii ofirratti fida. Namni tanaan dura kakachuun haqa namaa nyaate, haqa nyaate sana nama saniif deebisuun tawbaa dhugaa haa tawbatu. Yoo akkana godhe, Aakhiratti adabbii jalaa ni baha.
Kitaaba wabii-Sahiih Fiqhu sunnaah- 2/300, Abu Maalik
Summubani.com
yaa rabbii irra nu tiksi arraba kenna nuuf eegi ðŸ™qophessitoonni Nuural hudaa soora qalbii hundi kessanuu galatoomaa jzk â¤ðŸ’šâ¤