Og-Barruu

Islaamummaa fi Nageenya


“Qaamota tokko tokkoon Islaamummaan amantii waraanaa godhamee fudhatama. Islaamummaan dhimma nageenyaatiif kan hin dhiphanne godhanii kanneen lakkaa‘anis hedduudha. Dubbichi garuu ilaalchi kun kan hubannoo dogoggoraa irraa maddeedha. Islaammummaan amantii nagayaati. Muslimootnis karaa nagahaa akka deeman ajajeera. Islaama jechuun hiikkammaan jechaatuu “Salaam-nagaha‖ jechuudha. Hiikkaan Islaamummaa inni biroo immoo ―Rabbiif harka kennachuun ajajoota Isaatiif buluu‖ jechuudha. Hiikkaawwan lachuu walitti maknee yoo hubannu Islaamummaa jechuun Rabbiif harka kennachuunii fi ajajoota Isatiif buluudhaan nageenya gosa hundaatuu argachuudha. Nageenyaa fi Islaamummaan addaan bahanii kanneen ilaallamani miti. Nageenyi dhimma filannooti miti. Nageenyi babaldhachuu Islaamummaatiifis bu‘uraadha. Waan ta‘eefis Islaamummaan eenyuuyyuu olitti nagaha cimsee barbaada. Rabbiin (s.w) biratti waraanni jibbamaadha. Gochi isaa hafee maqaan mataan isaatuu (jechi ―Waraana‖ jedhu) ni jibbisiisa. Ergamaan Rabbiitis (s.a.w) kan nu barsiisan isuma kana. Akkanas jedhaniiru: “Maqaawwan hunda keessaa irra jibbisiisaan kanneen “Harb” (Waraana) fi “Murraah” (hadhaawaa) jedhaniidha.” (Abuu Daawuudtu gabaase).

Maqaan Rabbii keenyaa inni tokkos ―As-Salaami‖dha. Gandi jannataa tan mu‘mintoonni argachuu fedhan maqaan ishee ―Daaru as-Salaam‖ (biyya nagahaa) jedhamti. Nageenyi mu‘mintoonni wal gaafatanis ―Assalaamu alaykum‖ (nageenyi isin irratti haa jiraatu) kan jedhuudha. Kana irratti dabalataanis muslimootni yeroo hundaa nagaha kadhatu. Kanaaf fakkeenyi salphaan tokkoon tokkoon muslimaa salaataan booda guyyaatti yeroo 5 Rabbii isaa akka kadhatu labseera. Akkana jedhu: ―Allaahumma Antassalaamu wa minkassalaamu tabaarakta yaa Zal-Jalaali wal-Ikraam‖ Hiikaan isaatis “Yaa Rabbii! Ati Nagahaadha; nageenyis kan argamu Sirraayi, Yaa Rabbii Gooftaa guddinnaa fi arjummaa taate hoo! Ati abbaa barakaa baay’eeti.” (kan Muslim gabaase) Kun hunduu Islaamummaan hammam nagahaaf xiyyeeffannoo akka kenne nutti muldhisa.

Akka barsiisa Islaamaatti waraana irraa fagaatuu fi nageenya eeguun ajandaa bu‘uuraatiidha. Islaamummaan kanneen nageenyi isaanii boora‘e hunduu nageenya argachuuf carraaquu akka qaban barsiisa. Rabbiinis mu‘mintoota nageenyi isaanii jalaa boora‘eef nagaha akka isaaniif kennu waadaa isaaniif galeera. Akkana jedheera:

“… Sodaa isaaniitiin boodas nageenya isaanii bakka buusuuf waadaa galeera.” (An-Nuur: 55)

Islaamummaan nageenya malee waraana hin hawwu. Warreen waraanaa ibidda waraanaa qabsiisuuf yeroo hundumaa ni carraaqu. Buddeenni namoota tokko tokkoo kan hundaa‘e waraana irrattiidha waan ta‘eefi. Hawwitoonni waraanaa waraana qabsiisuuf carraaqanis Rabbiin garuu gochoota isaanii isaaniif hin jaalatu. Ta‘uusaatiinis yeroo baa‘yee karoora isaanii harkaa faalleessa. Kanaafiidha Rabbiin (s.w) akkana kan jedhe:

“ … Cufuma ibidda waraanaa qabsiisaniin Rabbiin ishee dhaamsa… ( Al-Maa‟idaah: 64)

Mu‘mintoonnis gara waraanaatti akka hin seenne yeroon Rabbiin isaan dhoowwus ni jira. Kun mu‘mintootaafis oduu gaariidha. Sababni isaatis gochi wal ajjeessuu gocha hawwamu qabu ta‘uu dhabuu isaatiin oduun wal-ajjeechaa irraa dhoowwuu baay‘ee barbaachiisaadha waan ta‘eef. Rabbiin Ergamaa Isaa (s.a.w) fi sahaabota isaanii lola irraa yeroon itti dhoowwes ture. Hawwitoonni waraanaas injifannoo fi boojuu osoo hin argatin gaabbiin deebi‘an. Isuma kana Rabbiin (s.w) yoo ibsu akkana jedheera:

“Rabbiin isaannan kafaran (didan) wanta gaarii tokkos osoo hin argatin gaabbiin gubatani akka deebi‟an godhe. Mu‟mintootas lola irraa isaan hambise; Rabbiin jabaa fi injifataadha.”(Al-Ahzaab: 25)

Kaafirtoonni bololanii kan bahan waraana hawwan (yaadda‘aniif) argachuuf ture. Isuma kana dhabuu isaaniitiin gaabbiin deebi‘an. Rabbiin mu‘mintootas waraana irraa isaan baraare. Rabbiin harki badii kan diinotaas gara muslimootatti akka hin hiixatamne godhe. Isuma kanaas yoo ibsu akkana jedheera:

“…. Harkoota namootaas gara keessanitti akka hin aggaamamne dhoowe. ” (Al-fath: 20)

Ergamaan Rabbii (s.a.w) gara Islaamummaatti waamicha yoo eegalan gufuuwwaan hedduun isaan mudateera. Mu‘mintoonni ni cunqurfaman. Qe‘ee isaanii dhiisanii baqannaaf saaxilaman. Qabeenyi isaanii irraa fudhatame. Baay‘een isaaniitis ajjeefaman. Miidhaa kana hunda keessumeessaa Rabbiin garuu waraana irraa akka of qusatanii fi karaa nagahaa qofaan mirga isaanii akka kabachisiisan isaan ajaje. Qabsoon nagahaa akka baasu isaan gorse. Harka isaaniitis waraana irra akka dachaasan yoo dubbatu akkana jedheera.

“Harkoota keessan (waraana irraa) dachaaffadhaa; salaatas seeraan sagadaa. Zakaas kennadhaa.” (An-Nisaa‟i: 77)

Bifa kanaan Nabiyyiin (s.a.w) waggoota kudha sadiif waraana tokkoon alatti boqonnaa da‟waa Makkaa dabrsan. Sumaayyaan fa‘a kan wareegaman (kan shaahiidee ta‘an), Bilaal fa‘a kan tumamanii fi dararaman wayta kana keessatti ture. Wayta kanatti mu‘umintoota irratti qoqqobbiin buufame, duniyaa fi qabeenya saamaman. Sababa kanaanis hedduun isaanii gara Habashaatti baqatuuf dirqamaman. Hubaatichi yoo jabaatuu fi baay‘ee yoo cimu Nabi Muhammad (s.a.w) mataan isaanii gara Madiinaa baqatan. Ergamaan (s.a.w) barsiisaa kan turan keessaa kan itti aanu keessatti argaman: ”Qabsoowwan hunda keessaa inni caalaan bulchaa miidha-raawwataa (abbaa irree) fuulduratti haqa dubbatuudha.”(Abuu Daawuudi fi Tirmiizii) Barsiisni Ergamichaa (s.a.w) kun tooftaawwan qabsoo nagahaa keessaa akka isa tokkotti lakkaa‘ama. Nabi Muusaanis (a.s) Fir‘awnaa abbaa irree kan jilbiifachiisan meeshaa waraanaa tokkoon alatti hanga dhuma isaatti tooftaa qabsoo nagahaatiin qofa ture. Irra hedduun nabiyyootaa kanneen Qur‘aanni seenaa isaanii nuuf seenesses kan hordofan tooftaadhuma kana ture.

Adeemsa qabsoo waggoota kudha shanii booda ture Rabbiin lola irraa dhoowwamuu mu‘umintoota irratti buuse kan kaase (ol fuudha). Akka tanaan duraa yoo waraanaman caldheesaan ilaaluu, manaa fi qabeenya dhiisanii baqachuu fi wanta dhaqqabu hunda danda‘aa obsuun hafee of irraa ittisuun heeyyamame. Muslimootni waggootaaf hacuuccaan isaanirratti raawwatamaa tureera. Kaafirtoonni hin geenye jechuun waraana waliigalaa isaan irratti labsan. Ta‘uusaatiinis akkana jechuun Rabbiin (s.w) heeyyama isaaniif kenne:

“Isaannan (Kaafirtootaan) Waraanni itti labsame, miidhaan isaanitti raawwatameera waan ta‟eef, akka lolan eeyyameefi jira. Rabbiinis (eenyuuyyuu olitti) isaan gargaaruuf danda‟aadha. (Isaanis) isaannan„ Gooftaan keenya Rabbi (Allaah) dha.‟ jechuu isaaniitiin qofa qe‟ee isaanii irraa ari‟amaniidha.” (Al-Hajji: 39-40)

Keeyyata kanaan ibsi ―Isaanii heeyyamame‖ jedhu kanaan dura falmiin ofirraa ittisaniiyyuu dhoowwamee akka ture nu hubachiisa. Mu‘mintoonni Makkaa dhiisaanii gara Madiinaatti yoo baqatan hubaatiin kaafirtootaa garuu hanga achiitti isaan hordofe. Ta‘uusaatiinis heeyyama loluu isaaniif kennametti fayyadamuun jireenya isaanii kabachisiisuuf loluu jalqaban. Haaluma kana keessattuuyyuu yoo diinni fedha nagahaa muldhise muslimootni hacuuccaa fi dararama sanaan dura isaanirra gahe ilaaluun fedha nagahaatiif deebii faallaa kennuufii akka hin qabne Rabbiin isaan akeekkachiise. Akkanas jedhe:

“Garuu isaan nagahaaf kooluu isaanii yoo diriirsan atis (nagahaaf) diriirsi.”(Al-Anfaal: 61)

Keeyyatni kun haala rakkisaa keessattiyyuu caararraan (fedhiin) nagahaa yoo jiraate Islaamummaan nagahaaf carraa kan kenne ta‘uu isaa nutti muldhisa. Sababbiin isaatis kaayyoon Islaamummaa nagaha waan ta‘eef. Waliigalteedhaan nagaha fiduun yoo danda‘amee fi cunqursaan yoo dhabame waa tole. Sababni isaatis waraanaa irra waliigalteen gaarii fi barbaadamaadha waan ta‘eef. Rabbiinis (s.w) akkana jedheera:

“… Araarri (waliigalteen) yeroo kamuu gaarii (fi barbaadamaa) dha. ” (An-Nisaa’i: 128)

Haa ta‘uu malee abbootni irree baay‘innaan of tuultotaadha. Miirri eenyutu na gaafataatis isaan huba. Ta‘uusaatiinis harka isaanii nageenyaaf diriirsuun hafee waamicha nageenyaa isaaniif dhiyaateefuu deebii hin kennan.

Harka isaanii nageenyaaf kennuuf fedha-qabattoota yoo hin taanee fi miidhaa fi hacuuccaa yoo itti fuufan muslimootni haala hubamaa jiraniin harka isaanii dachaafatanii gara nageenyaa waamicha akka godhan hin ajajamne. Akka barsiisa Qur‘aanaatti muslimootni kadhataa harka isaanii dachaafatanii hubamuu fi dadhabuun irra hin jiraatu. Sababni isaatis wanti hunduu daangaa fi qaccee qaba waan ta‘eefi. Fireen dubbii waakkatamuu hin qabne dhimma yerooti malee qaamni miidhame bilisa bahuufi injifatuun isaa waan hin hafneedha. Isuma kana Rabbiin (s.w) akkana jechuun mu‘mintoota gorsa:

“Dadhabdoota waliigaltee kadhattan hin ta‟inaa; isin irra aantotaadha waan taataniif. Rabbiinis isin wajjiin waan jiruuf. Hojiiwwan keessan gonkumaa waan hin hir‟ifneef.” (Muhammad: 35)

Nageenya hawwuun yoomiyyuu amala musilimootaa ta‘uu qaba. Diina waraanaan qunnamuuf hawwuun hin ta‘u. Ergamaan Rabbii (s.a.w) muslimootni diina qunnamuuf hawwuu irraa dhowwaniiru. Waraanni yeroo kamuu kan madaalu miidhaa isaatiidha. Akka barsiisa Islaamaatti akka ummataattis ta‘ee akka biyyaatti gara qabsoo hidhannootti seenuun dirqama kan ta‘u filannoowwan nageenyaa hundi duguugamanii yoo dhumatanii fi cunqursaa dhabamsiisuuf karaan biroo gonkumaa yoo hin jirreedha. Haa ta‘u malee diina waraana labsee fi dhiibee dhufe harka dachaafatanii waa‘ema nageenyaa faarsaa isa yoo kadhatanis diinichi of tuulaan weeraraa fi fixiinsa (mancaasiinsa) raawwachuu irraa hin deebi‘u. Wayta filannoon nageenyaa badetti obsaa fi gad dhaabbannaan falmachuun akka malu Ergamaan Rabbii(s.a.w) barsiisaniiru. Waraana dirqamaan dhiibee dhufe irratti aarsaa mu‘mintoonni kafalaniif jannataan akka jazeeffaman Nabiyyiin (s.a.w) barsiisaniiru. Gaaddisa qabsoo godhanii jalatti jannataan akka jazeeffamanis ifa godhaniiru. Tooftaan qabsoo bara sanii baay‘innaan sayfiidhaan ture. Ta‘uusaatiinis Nabiyyiin (s.a.w) akkana jedhaniiru: “Yaa namoota! Diina qunnamuuf hin hawwinaa. Nageenya akka isiniif kennu Rabbiin kadhadhaa. (Dirqama isinitti ta’ee) wayta isaaniin walqunnamtan garuu obsaa. Jannatni gaaddisa sayfii jala ta’uu ishee beeka.” (kan Bukhaarii fi Muslim gabaasan) “

Dhugumaan barsiisa Islaamaa hamma ammaatti ilaalle keessatti hawwiinsi (yaaddoon) waraanaa ni jiraa? Nageenyaaf hoo kanaa olitti xiyyeffannoon akkamittis kennamuufii danda‘ama?


Madda: (Ahmaddiin Jabal ,Nifaaqaa fi Munaafiqoota, Haguuggiin Eenyummaa Isaanii Inni Dhoksaa Yommuu Saaxilamu,Waxabajjii 2007, fuula 168-187)

Show More

...

Back to top button