header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Qur’aana kijibsiisuuf qorannoo godhanii macaafa salphisan

Islaamummaan Amantii guutuudha. Amantiilee addunyaarra jiran keessaa Amantiin waan hundaaf deebisaa quubsaa kennuu danda’u islaamummaa qofa.  Sababa kanaaf warri lixaatis gara qur’aanaa deebi’anii qorannoo garagaraa godhuu jalqabanii jiran. Qorannoo eega godhaniin booda wanti argatanii fi wanti qur’aana keessatti ibsame tokko ta’uu isaa eega hubatanii booda, warri Rabbiin ifa baneefii dhugaa tana qeebales akkuma jiru, warri jallinuma irra turuu filates hedduudha. Haa tahuu malee qorattoonni hedduun isaanii waa’ee islaamummaa irraa dhugaa hubatan numa dubbatu.  Barruu tana keessatti gama qur’aanaa deebinee seenaa takka waliin tafakkurra. Jaarraalee muraasa dura Adawwiin muslimaa, waahee nama kanarratti Qur’aana kijibsiisuudhaaf yaalii guddaa godhanii turan. Haa ta’u malee qorannoo matama isaaniitiin godhaniin bu’aan argatan, dubbii duraan dubbatan sanitti akka qaanfatan isaan taasise. Seenaa nama kanaa kan Macaafa irratti ibsamerratti hundaayanii islaamummaa akkamitti busheessuuf akka yaadanii fi, booda irratti ammoo kan qur’aana keessaa dhugaa ta’uu isaa akkaataa itti mirkanaaye waliin ilaalla.

Seenaan barruu tana keessatti ilaallu seenaa Haamaaniiti. Haamaan Ministeera Fir’awnaa keessaa isa ijoo akka tahe hundi keenyaa ni beekna. Fir’awn namoota ani Rabbi jedhanii of tuulummaan dubbatan keessaa isa tokko. Seenaa kanas qur’aanuma keessaaa arganna. Maqaan Haamaan qur’aana keessatti yeroo jaha ibsamee jira. Haamaan yeroo hunda Fir’awnaan biraa hin dhabamu. Dalagaa heddus isumatu dalaga. Yeroo tokko Fir’awn Hamaanitti ajaja takka kenne. “Gara samii bahuu barbaadaa, fooqii(gamoo) naa ijaari jedhee ajaje. Seenaan kun kan qur’aana keeysatti ibsameedha. Amma ammoo gara Macaafaa deebina. Macaafa keessas maqaan Haamaan jedhamu ibsamee jira. Akkasuma Haamaaniin kun fooqii akka ijaaru ajajamee jira. Haa ta’u malee akka Macaafa Asteeritti Haamaan Fir’awnaaf osoo hin taane, mootii Zeereksis jedhamuuf hojjata.

Kiristaanonni jaarraa 17ffaa keessa qur’aana busheessuudhaaf qorataa turan osoma qorannotti jiran waa’ee Haamaan bira gahan. Wanti isaan dubbisan garuu waan kitaaba isaanii keessatti beekan akka hin taane hubatan. Wayta kana gammachuun isaanii daangaa dabarte. Qur’aana keessatti dogoggora arganne jedhanii lafa dhiituu jalqaban. ‘laalaa Qur’aanni namni Haamaan jedhamu, fooqii Fir’awnaaf hojjate jedha. Garuu dhugaan jirtu Haamaan Fir’awnaaf osoo hin taane, Mootii Zeereksis jedhamuuf hojjate. Akkasumas Haamaan akka qur’aanni jedhu biyya Masri osoo hin taane, dachii Baabiloon keessa jiraate. Fir’awnii fi Zeereksiis jidduu ammoo garaagarummaa waggaa 1000tu jira’ jedhaa haasawan. Akka isaan jedhanitti ‘Nabi Muhammad (SAW) seenaa kana qeesota irraa dhagahe, garuu maqaa bakkaa sirritti hin qabanne, kanaafuu seenaa Masrii fi Baabiloon, akkasumas Fir’awnii fi Zeereksis osoo adda hin baafatin walitti make’ jedhan. Nabiin keenya (SAW) garuu waan kanarraa qulqulluudha.

Waggaa 200 booda jaarraa 19ffaa keessa ammoo Qeesonnummaan Kiristaanaa mariidhaaf walitti qabaman. Wayta kana eega waan heddu irratti mari’atanii booda, “Macaafni Asteer jedhamu kan Macaafa Qulqulluu keessatti argamu, qaama macaafa qulqulluu ta’uu hin qabu. Seenaan Macaafa Asteer keessa jiru guutumaan guututti dur durii fi sheekkoodhaan guuttamee jira. Kanaafuu akka ragaatti dhihaatuu hin danda’u” jedhanii murtessan. Warri Yahuudaatis Macaafni Asteer macaafa dhugaatii miti jedhee murteesse. Alhamdulillaah! Rabbii Amantii Mariin murteessan irraa nu qulqulleessite galanni si haa gahu. Dubbiin Rabbii keenyaa dubbima isaati. Ilma namaa dhiisaatii, Anbiyoonniifii Malaa’ikonnis kalaama Rabbii keenyaa hin jijjiiran. Aayaata Qur’aanaa irratti mari’achuuf wal gahiin yaamamu hin jiru. Aayaatni kun rakkoo qaba, kun dogongora qaba, kun kanaan walitti bu’a jennee wanti sirreessuuf cinqamnuuf hin jiru. Rabbiin duruma Amantii guutuu ilmi namaa harka keessa hin naqanne godhee nuuf uume. ALHAMDULILLAAHI RABBIL AALAMIIN.

 

Seenaan Haamaan kan Qur’aana Keessatti ibsameefi, kan Macaafa keessatti ibsame waan adda addaa tahee jira. Isa kamtu dhugaa akka tahe mirkaneeffachuun dirqama nama hundaati. Saayintistoonni gurguddoon dhimma kanarratti qorannoo guddaa gaggeessaniiru. Saayintistiin beekkamaan Mawriis Bukeel, Kitaaba mata duree  “Qur’aana Macaafaa fi Saayinsii” jedhuun qophaahe barreessee ture. Namni kun seenaa qoratuu akkaan fedha. Osoma qorataa jiru dhimma Haamaan bira gahe. Wanti Qur’aanaa fi Macaafa keessatti argate garuu adda adda itti ta’e. kanaafuu dhimma kana gad fageenyaan qoratuu jalqabe. Kana gochuudhaaf dura dubbii qur’aana keessaa adda baafatuu barbaade. Sababa kanaaf saayinstisoota biroo kan biyya jarmanii fi faransaay waliin ta’uudhaan gara Masri imalan. Sababni gara Masrii imalaniif ammoo, akka dubbii qur’aanaati Haamaan Lammii Masrii ture. Saayintistoonni kunniinis dubbii tana qorachuuf garas imalan.

Seenaa kana beekuudhaaf dirqamatti barreeffama Heerogliifiks irra deebi’anii qoratuun barbaachisaadha. Barreeffamni Heerogliifiksii kun, Osoo Nabiin keenya (SAW) hin ergamin, waggaa 2000 dura dhabame.  Ummanni Masrii hundi barreeffama Herogliifiiks kana fayyadamuu dhiisee, akkuma Araboota kaawwanii Afaan Arabaa fayyadamuu eegalee jira. Yeroo Rasuulli (SAW) ergamanitti namni barreeffama Herogliifiiks katabuufi dubbisuu danda’us dachii tanarra hin jiru jechuudha. Haa ta’u malee Muuziyeemii biyyoota jarmanii fi faransaay keessatti barreeffamoonni Heerogliifiksii walitti qabamanii jiran. Saayintistoonni kunniinis sagalee fi qubeewwan Heeroglifiks, kan Fir’awnaa fi mootoonni bara qaroomina Masri ittiin fayyadamaa turan qorachuu jalqaban. fakkiiwwanii fi mallattoolee garagaraa qorachuudhaan gara sagalee deebisan. Barreeffamni Heerogloofiiks Fakkii fi mallattoon (symboliin) ibsama. Fakkii fi Mallattoo sanniin gara sagalee deebisuun dirqama. Qorannoo yeroo dheeraaf eega godhaniin booda, maqaa namoota hedduu dalagaa isaanii waliin argatan. Maqoota tarraayan kana keessas maqaan Haamaan jedhu ni jira. Dalagaan nama kanaatis wantoota garagaraa ijaaruu akka ta’e hubatan.

Kana booda dubbiin Qur’aana keessatti ibsame ajaa’iba itti ta’e. Qorattoonnis kun waan namni dhuunfaan ofirraa kaasee dubbatuu hin dandeenye akka ta’e mirkaneeffatan.  Sanuu nama barreessuu fi dubbisuu hin dandeenyeen dubbiin kun himamuun mu’jizaa itti ta’e. Dubbiin qur’aana keessatti ibsames haala kanaan mirkanaaye. Rabbiin (SW), Qur’aanuma isaa keessatti ajaja tokko tokko nuuf kennee jira. Yoo waan an isinitti himaa jiru kana shakkitan, warra beekumsa qabu gaafadhaa jedhee nu ajaje. Nuti ammoo waan Rabbiin qur’aana keessatti nutti himu qabxii takkallee hin shakkinu, warri shakkii qabu ammoo karaa barbaadeen haa mirkaneeffatu jenna.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button