header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Abbaan Alangaa Federaalaa namoonni 746 mana hidhaatii akka lakkifaman kan murtaaye tahuu beeksise.

Namoonni gaaffii mirga amantaa fi yakka adda addaatiin itti murtaa’ee mana hidhaa Federaalaa keessa jiran 417 ‘dhiifamaan’ akka gad-dhiifaman kan murtaahe tahuu FBC’n gabaase. Abbaan Alangaa Federaalaa FBCf akka himetti, namoota akka gad lakkifaman murtaaye kanneen keessaa 298 mana hidhaa federaalaa irraa yoo tahu, hidhamtoonni 119 ammoo manneen hidhaa naannoo Amaaraatti argaman irraa akka tahe gabaasni kun ni ibsa.

Dabalataanis himannaan shakkamtoota 329 akka adda citu kan murtaaye akka ta’ee fi haaluma kanaan  shakkamtoota 278 manneen hidhaa federaalaa, 18 naannoo Amaaraa, 33 nannoo Tigraay keessa jiran himannaan adda citee, leenjii haaromsaa fudhatanii akka gadhiifaman kan  murtaaye tahuu gabaasni kun ni mul’isa.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button