header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
BreakingOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

ABO fi KFO waliin hojjachuuf kan walii galan tahuu beeksisan

Kongirasiin Federaalawa Oromoo fi Addi Bilisummaa Oromoo (ABO-Shanee) ibsa guyyaa har’aa waliin kennaniin, marii hagayya 24,2010 waliin geggeessaniin ijaarsa sirna dimokiraasii, federaalizimii, ol’aantummaa seeraa fi nageenya itti fufiinsa qabu mirkaneessuu irratti akkaataa faayidaa uummata Oromoo eegsisun walin hojjechuuf waligaltee irra gahu isaanii beeksisan.

itti aanaan dura taa’aa paartii kongirasii federalawaa Oromoo Obbo Mulaatuu Gammachuu,garaagarummaan ABO waliin qabnu eega addichi karaa nagayaatiin qabsaa’uuf murteesseen booda waan dhiphateef, dhaabbileen lamaan dantaa uummata Oromoo eegsisuf walin hojjetuuf walii galle jedhe. Obbo Mulaatuun itti dabaluunis “Paartiilee siyaasaa biyya alaatii galanii fi sababa qabsoo Oromoof biyyaa bahanii turan walin hojjechuuf qophiidha. Haa ta’u malee paartiilee biyya keessa turan kanneen waggoota darban ajjeechaa fi hidhaa uummata Oromoo keessaa harka qaban fi gaafii mirgaa gaafachaa turre morman walin garuu hin hojjennu” jedhe.

Miseensi ABO-Shanee Obbo Nagawoo Ibsaa gama isaatiin akka jedhetti: “Tokkummaan Siyaasaa bifa heddu qaba, walitti makamuu fi dhiisuu qofa miti, akka Oromootti garuu fedhii waliinii waan qabnuuf waliin hojjachuuf walii galleerra”jedhe.

Itti aanaa barreessaa olaanaan KFO Obbo Dajanee Xaafaa gama isaatin “sirritti wal barree walin mari’annee akkaataa uummatni keenya nu iyyaafatuun nuyis wal iyyafannee walin hojjenna” jedhe.Hoggaantoonni KFO itti dabaluudhaanis ABO waliin makamuu yookiin tokkummaa uumuuf wantootni baay’een nu hafu, dhimmoota irratti walii gallu irratti garuu waliin hojjechuu itti fufna jedhan.

Kfo-fi-ABO.2.
IBSA KFO FI ABO

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button