header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannooUSA

Ameerikaan qondaaltota Chaayinaa bulchiinsa Zinjiyaangi hogganan irra qoqqobbii kaahuuf wixinee seeraa qopheessaa jirti

Mootummaan Chaayinaa maqaa finxaalessummaa too’achuu jedhuun, kutaa biyyattii Zinjiyaangi jedhamu keessatti muslimoota Wiigar kan dararu tahuu, dhaabbileen mirga namoomaa fi miidiyaaleen addunyaa gabaasaa turuun ni beekama. Kanuma hordofuun dhimmicha ilaalchisee biyyoonni heddu Chaayinaa kan balaaleffataa turan yoo tahu, Ameerikaan qondaaltota Chaayinaa Kutaa Zinjiyaangi hogganan irra qoqqobbii kaayuuf wixinee seeraa qopheessaa jirti.

Haaluma kanaan manni maree bakka bu’oota ummata Ameerikaa (House of Representatives) wixinee jalqabaa sagalee ol’aanaa taheen raggaasisee jira. Wixineen qoqqobbii kun qondaaltota mootummaa Chaayinaa muraasa akkasumas, Barreessaa ol’aanaa Paartii Koministii Naannoo Zinjiyaangi irratti kan xiyyeeffate tahuu ibsame. Haata’u malee wixineen kun seera tahee bahuudhaaf Kongirasiin Ameerikaa sagalee irratti kennee eega dabarsee booda, Prezdaantichi mallatteessuun raggaasisuu qaba.

Murtiin mootummaa Ameerikaa kun Chaayinaa dallansiisee jira. Ministeerri haajaa alaa Chaayinaa Arba’aa har’aa dhimmicha irratti ibsa baaseen, “Ameerikaan finxaalessummaa too’achuuf carraaqqii mootummaan Chaayinaa godhaa jiru danqaa jirti”jedhe.

Dararaa mootummaan Chaayinaa maqaa “finxaalessummaa too’achuu”jedhuun raawwataa jiru kana, UN dabalatee dhaabbileen mirga namoomaa gocha hammeenyaa ol’aanaa tahe jechuun ibsan. Dhaabbileen kunniin akka jedhanitti, mootummaan Chaayinaa muslimoota biyyattii keessummattuu jiraattota kutaa Zinjiyaangi irratti qajeelfama addaa kan hordofu yoo tahu, muslimoonni salaataa fi soomana dabalatee dirqama amantaa isaanii akka hin raawwanne ugguruu, madrasaalee cufuun daa’imman qur’aana akka hin qaraane dhoorkuu, gochoota amantaa Islaamaa faallessan akka raawwatan dirqisiisuu dabalatee, dhiibbaa mirga dhala namaa heddu kan raawwatu tahuu gabaasan.

Kana malees mootummaan Chaayinaa muslimoota biyyattii haala mirga namoomaa sarbuun kan addatti kan basaasu yoo tahu, namoota qajeelfama mootummaa hamaa tahe kana cabsan irratti, ajjeechaa fi adabbii hidhaa kan raawwatu tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Haaluma kanaan yeroo ammaa muslimoonni Wiigar miiliyoona tokkoo ol tahan, manneen hidhaa dhoksaa keessatti kan dararamaa jiran tahuu ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button