header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jilli Mootummaa Itoophiyaa gara Ameerikaa imalee ture  gara biyya deebi’e

Jilli qondaaltota mootummaa Itoophiyaa muummicha ministeeraa Dr Abiy Ahmadin hoogganamu  Kamiisaa dabre gara Ameerikaa imaluun,  lammiilee Itoophiyaa Magaaloota Ameerikaa 3 keessa jiraatan waliin marii geggeessaa ture xumuuruun hardha gara biyyaatti deebi’e jira. Waltajjiiwwan marii magaaloota  Washington, Los Angeles fi Minnesota keessatti dhalattoota Itoophiyaa waliin geggeeffame,  milkaa’inaan kan xumurame tahuu waajjirri muummicha ministeeraa ibse.

 

Jilli Muummicha ministeeraa Dr Abiy Ahmad waliin gara Ameerikaa imale kun ministeera Haajaa Alaa Dr Warqinah Gabayyoo, Prezdaantii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa, ministeera Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa obbo Ahmad Shidee fi qondaaltota biroo kan hamate.

 

Paatriyaarkiin waldaa amantaa Ortoodooksii waggaa dheeraaf  baqatee biyya Ameerikaa ture jila kana waliin gara biyyaa kan gale tahuun beekameera.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button