header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Ameerikaan Wixinee seeraa Falasxiinotaaf ittisni akka godhamuuf mana marii nageenyaatiif dhihaate kuffiste

Duguuggaa Sanyii Isra’eel dhiheenya kana Gaazaa keessatti raawwatte hordofuun, Kuweeyt Wixinee seeraa Falasxinotaaf ittisni akka godhamu gaafatu,  Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Mana Marii Nageenyaatiif kaleessite. Manni marii biyyoota miseensa dhaabbataa shanii fi miseensotaa dhaabbataa hin ta’in 10 of keessatti hammate wixinee kana irratti guyyaa kaleessaa sagalee kennee ture. Biyyoonni kudhan wixinee seeraa kana kan deeggaran tahus, Ameerikaan sagalee addaa (veto power) mana marichaa keessatti qabdutti Fayyadamuun kan kuffiste tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Biyoonni afur sagalee kennuu irraa  kan of qusatan yoo tahu, Isaanis Briteen, Neezarlaand, Poolaandii fi Itoophiyaa tahuun beekkameera. Itoophiyaan yeroo amma garee Afrikaa bakka bu’uudhaan miseensa mana marii nageenyaa yoo taatu, haala kanaan dura hin mul’atiniin yeroo dhihoo asitti faallaa mirga Falasxiinotaa dhaabbataa jirti. Torbaanuma lama dura  seera addunyaa cabsuun qophii baniinsa Imbaasii Ameerikaan Alqudsi keessatti geggeessite irratti Itoophiyaan kan argamte tahuun ni yaadatama.

Israa’eel ajjechaa lammiilee Falasxiin irratti raawwattu ammas kan itti fufe yoo tahu, Jum’aa kaleessaa daangaa Gaazaa irratti dubartii ogeetti Fayyaa hujii lubbuu baraaruu irra turte ajjeesuun, namoota 100 ol ammoo kan madeessite tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button