header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee mana manarra deemuun qorannoo dhibee Vayirasii Koroonaa geggeessuuf qophaahuu beeksise

Itti aanaan Kantiibaa magaalaa Finfinnee Taakkalaa Uumaa akka ibsetti, torbee dhuftu irraa eegalee aanaalee Finfinnee hunda keessatti, qorannoon vaayirasii koroonaa manneen jireenyaa irra deemuun ni geggeeffama. Qorannoon kunis aanaalee maagaalattii Vayirasichaaf saaxilamoodha jedhamanii yaadaman irraa kan jalqabamu tahuu ibsame.

Akka ibsa Obbo Taakkalaatti Finfinneen aanaalee 117 kan qabdu yoo tahu, qorannoon vayirasichaa aanaalee hunda keessatti ni geggeeffama. Qorannoo kanaafis ogeeyyiin Fayyaa muuxannoo qabanii fi soorama bahanii turan 1,200 tahan, waamicha mootummaan godheef fudhatanii qophii irra akka jiraniifi, ogeeyyii amma hojii irra jiran waliin kan hojjatan tahuus ibsame.

Ityoophiyaa keessatti hanga ammaa lakkoofsi namoota vaayirasichi irratti argamuun mirkanaa’e 65 yoo tahan, namoonni 3 ammoo sababa Vayirasichaa lubbuu dhabaniiru.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button