Og-Barruu

Ammas gorfamnee yakkarraa dhaabbachuuf yeroon hin geenyee?-Ustaaz Gaalii Abbaa Boor




Jecha Rabbii guddaa, Hadiisa Ergamaa Rabbii (SAW) fi haala Qabatamaa nuti Keessa Jirru mee haa xiinxallinuu.

ﻗُﻞْ ﻫُﻮَ ﺍﻟْﻘَﺎﺩِﺭُ ﻋَﻠَﻰٰ ﺃَﻥ ﻳَﺒْﻌَﺚَ ﻋَﻠَﻴْﻜُﻢْ ﻋَﺬَﺍﺑًﺎ ﻣِّﻦ ﻓَﻮْﻗِﻜُﻢْ ﺃَﻭْ ﻣِﻦ ﺗَﺤْﺖِ ﺃَﺭْﺟُﻠِﻜُﻢْ ﺃَﻭْ ﻳَﻠْﺒِﺴَﻜُﻢْ ﺷِﻴَﻌًﺎ ﻭَﻳُﺬِﻳﻖَ ﺑَﻌْﻀَﻜُﻢ ﺑَﺄْﺱَ ﺑَﻌْﺾٍ ۗ ﺍﻧﻈُﺮْ ﻛَﻴْﻒَ ﻧُﺼَﺮِّﻑُ ﺍﻟْﺂﻳَﺎﺕِ ﻟَﻌَﻠَّﻬُﻢْ ﻳَﻔْﻘَﻬُﻮﻥَ ( ﺍﻷﻧﻌﺎﻡ – 65 ‏)

“Jedhi: Inni (Rabbiin) adabbii gubbaa keessan irraa yookiin miila keessan jalaa isin irratti erguu, yookiin garee haala taataniin isin walitti makee garii keessan lola garii dhandhamsiisuu irratti danda’aadha.” Akka isaan hubataniif jecha akkamitti keeyyattoota akka ibsinu ilaali.” (Al-An’aam: 65)

Rabbiin ol ta’ee gubbaarraa balaa fedhe gadi roobsuu danda’a. Akkasumas dachii kana sochoosee ykn gadi kutee nu dhabamsiisuu danda’a. Garuu rahmata isaarraa kan ka’e taateen kun lamaan bal’inaan hin argamne. Inni sadaffaa immoo numa adda qoqoodee, garii keenya garii irratti azaaba godhuudha. Inni kun jireenyuma amma nuti itti jirruudha. Wal qoqqooduun, maqaa walitti baasuun, wal jibbuun, wal abaaruun, kana hundafuu immoo ragaadha jedhanii Qur’aanaafi hadiisa fidachuuf yaaluun hojii keenya idilee ta’ee jira. Wal jibbuufi wal abaaruu kana Qur’aanaafi hadiisatti osoo hirkisuu dhiifnee gochuma lubbuu keenyaa qofatti fudhannee xiqqoo wayyaadha.

Garuu kana hundaafuu sababni yakka nuti guyyaa guyyaatti hojjataa oolluudha. Akka nuti kana xiinxallinee badii irraa gorfamnee deebinuuf Rabbiin nutti hime. “Akka isaan hubataniif jecha akkamitti keeyyattoota akka ibsinu ilaali” nuun jedhe.

Hadiisa kanas itti dabalaa ilaalaa:
Sahaabaan irraa odeeffamee [ra] ni jedhe: Ergamaan Rabbii [saw] ni jedhan: “Rabbiin ol ta’e dachii walitti naaf maree (ilaaluuf naa mijeessee) baha isiitiifi dhiha isiin arge. Ummanni kiyya mootummaan isii bakka walitti naaf marame hunda ni ga’a. Kuusaa lama: diimaafi adiitu naaf kenname. Ani akka Rabbiin kiyya ummata kiyya hoongee waggaa guutuutiin hin barbadeessineefi diina isaaniin alaa isaan irratti moosisee biyyaafi jamaa’aa isaanii akka hin barbadeessinen kadhe. Rabbiin kiyya ni jedhe: “yaa Muhammad ani yeroon murtii wahii murteesse hin hambifamu. Ani ummanni kee hoongee waggaa guutuutiin akka hin barbadoofneefi diinni isaaniin alaa isaan irratti moo’ee biyyaafi jamaa’aa isaanii akka hin barbadeessine siif kenneera. Osoma ummanni daarii dachii hundi walitti qabamaniiyyuu kana gochuu hin danda’an. Garuu yeroo gariin isaanii garii barbadeessan, gariin isaanii garii booji’an [diinni irratti moo’uu danda’a].”

Hadiisni kun mootummaan ummata Muhammad (saw) gara bahaa naannoo Faarsiifi gara dhihaa Awrooppaa akka dhaqqabu nutti himame. Baati ammayyuu Muslima harka seenee jira. Awrooppaa garii to’atanii turan. Fuuldurattis to’achuuf jiru.

Kuusaan lamaan jedhame qabeenya Fursiifi Roomi. Diimaan kan Fursi yoo ta’u adiin kan Room ture. Kun bara Umar bin Alkhaxxaab keessa ummataaf qoodameera.

Qabxiin biraa ummanni kun hoongee waggaa guutuutiin hin baddu kan jedhuudha. Inni kun balaa gubbaa isa jedhame keessaa tokko ta’uu danda’a. Akkasumas diinni alaa guutummaa isii dhabamsiisuu hin danda’u. Garuu gaafa isaan ofii wal dhabaan walitti deebi’an Rabbiin diina isaan irratti moosisuuf taa’aa himan. Kanaafuu wal dhabbiin jibbama.

Amma gorfamnee yakkarraa dhaabbachuun keenya yeroon hin geenyee? Argaa walii jibbuufi wal abaaruu dhaabuuf yeroon hin geenyee?
اللهم ألف بين قلوب المسلمين وأصلح ذات بينهم واهدهم سبل السلام وجنبهم الفتن ما ظهر منها ونا بطن.

Show More

One Comment

...

Back to top button