Big Bang (Dhoohinsa Guddaa)

Qophii: Abu Ibtisaam

Waggoota hedduuf astroonoomaroonni iccitii hawaa kanaa beekuudhaaf dhama’aa turan. Gaafii hawaan kun eessaa dhufe jedhuuf deebii argachuudhaafis haga bara 1920tti eeguun dirqma itti ta’ee ture. Haga bara 1920’mootaa kanatti hawaan kun jalqabuma irraa kaasee akkanumatti jira jedhamee amanamaa ture. Haa ta’u malee bara 1912 Astroonoomariin Ameerikaa Veestoo Sliifer argama ilaalcha saayinsii hawaa kanaa jijjiiruu danda’e argate. Sliifar, gaalaaksiiwwan hawaa keessatti argaman lafa irra jiraannu tanarraa saffisa guddaan fagaataa akka jiran akeeke. Kunis yaadni yeroo jalqabaatiif hawaan kun bal’ataa jira jedhu akka ka’u taasise.

Bara 1916tti, Albart Enstaayin, Tiyoorii birqabaa kan hawaan kun takkii bal’ataa jira yookaan ammoo walitti dhiphataa jira jedhu qopheesse. Kana booda bara 1929 tiyooriin duraan ture kun Astroonoomara Ameerikaa kan Edwin Hubble jedhamuun dhugoomfame. Ifaa diimaa Gaalaaksiiwwan irraa bahu erga yeroo dheeraaf qorateen booda, Hubble Gaalaaksiiwwan hawaa keessa jiran bakka takka dhaabatanii akka hin jirre dubbate. Saffisa guddaa ta’een lafa teenya tanarraa fagaataa jiran jedhe. Kunis Hubble’s law jedhamee beekama. Argamni kunis hawaan kun bal’ataa jira yaada jedhu dhugoomse. Argamni  Hubble kunis seenaa Astroonoomii keessatti argama guddaa ta’ee galmaaye. Bara 1929tti kitaaba velocity-time relation jedhu maxxansiise. Waggoota itti aanan keessattis qorannoolee hedduun deeggaramee tiyooriin hawaan kun bal’ataa jira jedhu saayintisootaa fi Astroonoomarootaan fudhatama argate.

Haa ta’u malee, uumama Teeleeskooppii fi argama Hubble duratti, Ergamaan Rabbii, Nabi Muhammad ﷺ aayaa qur’aanaa kan hawaan kun bal’ataa jira jedhu Qara’aa turan.

وَٱلسَّمَآءَ بَنَيۡنَٰهَا بِأَيۡيْدٖ وَإِنَّا لَمُوسِعُونَ ٤٧

“Samii tana humna teenyaan isii ijaarre. Dhugumatti Nuti (isii) bal’isoo dha.”

Yeroo Qur’aanni bu’u sanitti jechi Hawaa jedhu ummata biratti beekamaa hin turre. Kanaaf waan dachii ol jiru hunda isaatuu Samii jedhanii waaman. Akka aayaa ammaa kanatti jechi Samii jedhu Hawaa bakka bu’a. Akkasumas akkuma seerri Hubble’s Law akeekutti hawaan kun babal’ataa akka jiru  hubatuu ni dandeenya.

Qur’aanni waan kana uumama teeleskooppii dura jaarraa heddu dursee dubbate. Yeroo sanitti wanti saayinsii jedhamu hin beekamu. Ilmi namaa yeroo san ture, ilaalchaa fi amantiin inni dhimma hawaa fi saayinsii irraa qabu cufti isaatuu, amantaa Jaahiliyyummaa irratti kan hundaa’e ture. Rasuulli Rabbii ﷺ baruumsa saayinsii qabaachuu dhiisiitii nama barreeysuu fi dubbisuu hin dandeenye turan. Namni akkanaa kun argama Saayinsii addunyaan ammaan tana meeshaalee ammayyaawaatiin fayyadamte bira geette kana yeroo sanitti dubbachuun ajaa’iba guddaa dha. Kunis isaan ergamaa Rabbii ta’uu, QUr’aannis jecha Rabbii ta’uu isaa ifatti akeeka.

Hubble erga argama waa’ee Gaalaksiiwwan ardii tanarraa fagaataa jiran jedhu argateen booda, Gaalaksiiwwan dachii teenya irraa qofa osoo hin taane, wal irraallee fagaataa akka jiran hubate. Kunis yaada hawaan kun bal’ataa jira jedhu burqisiise. Argamni haarawaa kun Theory of Big Bang ykn ammoo dhoohinsa guddaa jedhu akka burqu taasise. Akka tiyoorii kanaatti hawaan keenya kun qabxii (Wanta) hoo’aa fi humna jabaa qabu irraa waggaa biiliyoona 12- 15 dura jalqabe. Qabxiin ykn wantii humna jabaa qabuu fi hoo’aan kun sababa wahiitiin adda dhoohee hawaan kun akka uumame akeeka. Dhoohinsi kun Dhoohinsa guddaa yookaan ammoo Big Bang Theory jedhama. Yeroo sanirraa kaasee hawaan kun walirraa bal’ataa akka jiru dubbatan.

Bara 1965 Astroonoomaroonni Arnoo Peenziyaan fi Roobart Wiilson argama Badhaasa Noobeelii isaaniif argamsiisee fi dhoohinsa guddaa raggaasise argatan. Argama isaaniitiin dura Theory (tiyoorin) jiru, hawaan kun waan hoo’aa tokko irraa yoo argame hambaan wanta sanii argamuu qaba jedha. Astroonoomaroonni kunniinis hambaa waan hoo’aa kanaa argatan. Bara kanatti jarri lamaan kun Cosmic Microwave Background Radiation (CMB) kan hawaan kun irraa uumame jedhanii amanan argatan. Isa kanaanis badhaafaman. Radiationiin argame kun hambaa dhoohinsa guddaa irraa hafe akka ta’e beekuu danda’an. Yeroo har’aa kanas theory’in kun saayintistootaa fi Astroonoomaroota heddu biratti fudhatama argatee jira.

Waa’ee jalqaba hawaa kanaa hoo Rabbiin keenya Qur’aanaan maal jedhee jira laata?

بَدِيعُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ

“Inni (ALLAAH) jalqabaa uumama Samii fi Dachiiti,….” (Al An’aam 6:101)

أَوَ لَيۡسَ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ بِقَٰدِرٍ عَلَىٰٓ أَن يَخۡلُقَ مِثۡلَهُمۚ بَلَىٰ وَهُوَ ٱلۡخَلَّٰقُ ٱلۡعَلِيمُ٨١ إِنَّمَآ أَمۡرُهُۥٓ إِذَآ أَرَادَ شَيۡ‍ًٔا أَن يَقُولَ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ ٨٢ 

“Sila Inni Samii fi dachii uume, fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’aa mitii? Eeyyan (danda’aadha). Inni akkaan uumaa, beekaa dha. Ajajni Isaa, yoo waan tokko fedhe “Tahi” jechuma qofa; wanti sunis hoggasuma taha.”

Yaasiin 36: 81-82

Aayaaleen Qur’aanaa kan amma ilaalle kunniin uumaan dachii fi Samii Rabbi akka ta’e nuuf akeeku. Nutis waan kana irraa shakkii takkallee hin qabnu. Rabbiin keenyallee waan tokko yoo fedhe “tahi” jedhaan. Wanti sunis yoosuma taha. Kanaaf nuti Muslimoonni wanta hunda jalqaba kan Uume Rabbi akka tahe amanna. Kanaaf Rabbiin keenya waa’ee uumama hawaa kanaa maal akka jedhe haa ilaallu.

أَوَ لَمۡ يَرَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ أَنَّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ كَانَتَا رَتۡقٗا فَفَتَقۡنَٰهُمَاۖ وَجَعَلۡنَا مِنَ ٱلۡمَآءِ كُلَّ شَيۡءٍ حَيٍّۚ أَفَلَا يُؤۡمِنُونَ ٣٠

“Sila Isaan kafaran akka samii fi dachiin walitti maxxantuu (qaama tokko) turanii, ergasii addaan isaan baafne hin beekanii? Bishaan irraayis lubu qabeeyyii hunda ni uumne. Sila hin amananii?”

Suuratul Anbiyaa 21:30

Ulamaa’iin aayaa tana yeroo fassaran Samii fi dachiin tun dur qaama tokko turan jedhan. Kana booda Rabbi akka adda bahanii samii torbaa fi dachii torba ta’an godhe jedhan. Yeroo Qur’aanni bu’u sanitti beekumsi saayinsiidhaa hedduus dagaagee waan hin turreef namni xiyyeeffannaa itti kenne hin turre. Garuu Rabbiin keenya, jaarraa 14 dura waan kana nuuf bayaanse.

Akka aayaa kanaatitti jechi ratqan jedhu wantoota lama walitti hidhaman ykn maxxanan kan ibsu yoo ta’u, fafataqnaahumaa kan jedhu ammoo, adda isaan baasne, yookaan isaan fottoqsine, yookaan adda isaan dhoosne jechuu dha. 

Walumaa galatti shakkiidhaan maletti Qur’aanni kun qawlii Rabbii akka tahe dubbanna. Jaarraa 14 dura dubbii tana ammoo ergamaan Rabbii ﷺ Jibriiliin irraa fuudhanii nu biraan gahuun isaanii Ergamaa Rabbii ta’uu isaaniillee shakkiin maletti akka dubbannu nu taasisa. Eeyyan waa’een Big Bang waggaa 1400 dura nama waa barreessuu fi dubbisuu hin dandeenyye irratti buufamee jira. ALHALMDULILLAH, Rabbii karaa qajeelaa kana nu qabsiiste galanni si haa gahu!

Comments
Loading...