header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Amnistii Intarnaashinaal Badhaasa kabajaa Hoggantuu Miyanmaar Ang San Suchiif kennee ture irraa fudhate

Dhaabbanni mirga namoomaatiif falmu Amnistii Intarnaashinaal bara 2009 hoggantuun Miyanmaar yeroo mana hidhaa turte, badhaasa dhaabbatichaa guddicha “Ambassador of Conscience Award”jedhamu kenneefi ture. Amma ammoo dhaabbatichi akka jedhetti, Miss Suchiin dararaa muslimoota Rohingiyaa osoo argitu caldhisuu isiitiin akka gaddee fi badhaasa kabajaa kenneefi ture kan irraa mulqe tahuu beeksise.  Dhaabbatichi xalayaa Ang San Suchiif barreessen, “kana booda Ang San Suchiin nama dhugaaf hin dhaabbanne tahuu kee hubannee hedduu gaddinee jirra, badhaasni kabajaa Isii kennames kan hin malleen waan taheef irraa mulqamee jira”jechuun beeksise.

 

Hoggantuun Miyanmaar Aang Saan Suuchii duguuggaa sanyii fi yakka dhala namaa waraanni biyyattii muslimoota Rohingiyaa irratti raawwate, kan ummata 700,000 ol qe’ee isaa irraa buqqisuun gara biyya ollaatti baqachiise balaaleffatuu dhabuu isiitiif biyyoota hedduu fi dhaabbilee mirga namoomaatiin gar malee qeeqamaa turte.

 

Kanaan duras ji’a September dabre keessa Paarlaamaan Kaanaadaan, hoggantuun Miyanmaar Ang San Suchii dararaa fi ajjechaa Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame dhaabsisuudhaaf fedhii dhabuu isii cimsee balaallefatuun, lammuummaa Kabajaa Ang San Suchiif kennamee ture sagalee guutuun irraa mulquun isaa ni yaadatama. Haaluma wal fakkaatuun bara dabrellee Bulchiinsi magaalaa Oxford, UK, badhaasa Kabajaa Ms Suchiif kennee ture kan irraa mulqe tahuun ni yaadatama.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button