header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waraanni Liyyuu Poolisii  naannoo Somaalee Aanaa Qumbii keessatti haleellaa raawwaate

Waraanni Liyyuu poolisii aanaa Qumbii magaalaa Minoo seenuun meeshaa waraana gurguddaan haleella kan raawwate tahuu maddeen gabaasan. Haleellaa kanaanis milishaan aanichaa 2 wareegamuu fi namoonni 4 madaa’uu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Namoonni ajjeefaman Hurree Huseen fi Baraataa Mu’aaz Badruddiin yoo tahan, kanneen madaayan ammoo Abdii Aadam, Shaafii Aadam. Aliyyii Ahmaddiin fi Alii Muhammad tahuu odeeyfannoon naannicha irraa nu dhaqqabe ni mul’isa.

Gama biraatiin ammoo prezdaantii bulchiinsa naannoo Somaalee duraanii Abdi Illee dabalatee qondaaltonni  naannichaa afur guyyaa hardhaa mana murtiitti dhihaatan. Abbaan alangaa himatamtoota irratti ragaalee barbaachisaa tahan guutachuudhaaf mana murtii guyyaa kudha afur kan gaafate yoo tahu, Abdi Illeen ammoo dhibee Garachaa fi Dhiibbaa dhiigaatiin dararamaa waan jiruuf mirgi wabii naaf haa eeggamu jechuun gaafate. Manni murtichaatis gaaffilee gama lamaanii irratti murtii kennuuf boru waaree boodatti beellamee jira.

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button