header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Baankiin ZamZam hojii jalqabe


Baankiin Zamzam Sirni Faayinaansii Dhala irraa walaba ta’e, biyyaattiitti akka hundeeffamu adda durummaan sochii kan jalqabe tahuun ifa. Baankichi hayyama Baankii Biyyooleessa Ityoophiyaa irraa fudhachuun gurgurtaa Aksiyoona xumuruun ni yaadatama.


Haaluma kanaan baankiiwwaan dhalarraa bilisaa biyyatti keessatti hundeeffamaa jiran jidduu tokko kan ta’e, Baankiin Zamzam guyyaa har’aa hojii jalqabuu gabaafame.


Sirna baaniinsa baankiichaa guyyaa har’aa geggeeffame irratti hoggantoota majliisaa fi Qondaaltoota Mootummaa dabalatee keessummoonni birootis argamuun qooda fudhatanii jiru.


Baankiichi ammaatti hojii lakkoofsa herreegaa baankii mamiltoota Keennu kan jalqabe yoo ta’u, yeroo dhiyootti immoo iddoo garagaraatti daameewwaan isaa kan baanuuf ta’uu ibse.


Baankiin Zamzam waggaa 11 dura tajaajila Faayinaansii dhala irraa walaba ta’e biyyaattiitti jalqabuuf sochii jalqabee ture. Haa tahu malee sababaa dhiibbaa mootummaan irratti godhamaa ture hordofuun hojiitti osoo hin seenin hafe.

10 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button