header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Balaa Ibiddaa Suudaanitti muudateen lubbuun nama 15 ol dabruu gabaafame

Ogeeyyonni fayyaa biyyattii akka himanitti, balaan ibiddaa kun dhoohinsa warshaa seeraamiikii magaalaa Kaartuum keessatti argamu tokko irratti mudateen kan ka’e yoo tahu, yoo xiqqaate namonni 15 akka du’ani fi 100 ol ammoo kan madaa’an tahuu ibsame. Waldaan ogeeyyota Fayyaa Suudaan lakkoofsi namoota miidhamanii dabaluu waan maluuf, ogeeyyonni fayyaa boqonnaa irra jiran hatattamaan gara hojiitti deebi’uun deeggarsa akka kennanis waamicha dhiyeessee jira.
Hojjattoonni yeroo balaa ammoo namoota warshaa kana keessatti hafan baasuuf, akkasumas kanneen dhabamanis barbaaduuf carraaqaa jirachuu gabaafame.
Balaa ibiddaa hamaa tahe kanaan konkolaataawwan mooraa warshaa keessa dhaabatanii turan hedduun gubatuu fi qabeenyi biroo hedduunis barbadaa’uu miidiyaalee biyyattii eeruun BBC’n gabaase.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button