header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni murtii Federaalaa Abdi Illee dabalatee dhimma Qondaaltota naannoo Somaalee ilaaluuf Fulbaana 4, 2011tti beellame

Prezdaantii naannoo Somaalee duraanii Abdi Illee dabalatee qondaaltonni naannicha 4 guyyaa kaleessaa mana murtiitti dhihaatuun mirga wabii gaafachuun isaanii ni yaadatama. Manni murtichaa dhaddacha har’a waaree booda taa’een himatamtoota mirga wabii dhoorkachuun,  Abbaan alangaa himannaa isaa guutuu Fulbaana 4, 2011tti akka dhiheessu ajaje.

 

Himatamtoota guyyaa kaleessaa mana murtiitti dhihaatan jidduu, hogganaan Biiroo misooma Jallisii Naannoo Somaalee Obbo Sulxaan Muhammad dogongora maqaa walfakkaatuun qabamuun isaa waan mirkanaayeef kan gad lakkifame tahuun beekameera.

 

Odeeyfannoo walqabateen, Komishiinarri poolisii naannoo Somaalee obbo Farhaan Xaahir too’annaa jala ooluun guyyaa har’aa mana murtiitti dhihaatee jira. Poolisiin Federaalaa, Komishinarichi aangoo mootummaa seeraan ala fayyadamuun, garee Heegoo jedhamu gurmeessee meeshaa waraanaa hidhachiisuun dhumaatii namoota hedduutiin shakkamee kan qabame tahuu ibsuun, Shakkamaan yakka cimaa raawwatee jira jedhamee waan yaadamuuf, akkasumas naannichi Fageenya irra waan jiruuf qorannaadhaaf guyyaa 14 mana murtii Federaalaa gaafate.  Manni murtichaatis gaafii kana fudhachuun Fulbaana 4,2011tti beellame.

 

 

Comment

Back to top button