header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Balaa Xiyyaaraa Suudaan keessatti muudateen yoo xiqqaate namoonni torba du’an

Balaa Xiyyaaraa Alhada har’aa baha Suudaan kutaa Gadaariif daangaa Ityoophiyaa irratti muudate kanaan, Bulchaa Naannoo Gadaariif Mirghaani Saalih dabalatee namoonni torba kan du’an tahuu ejensiin Odeeyfannoo biyyattii (SUNA)’n gabaase.

 

Balaa kanaan namoota du’an jidduu ministeera qonnaa Kutaa Gadaariif, qondaaltoota waraanaa fi Poolisii biyyattii kan keessatti argaman tahuun beekamee jira. Sababaan balaa kanaa kan hin ibsamin yoo tahu, qondaaltonni tikaa mootummaa Suudaanii fi hoggantoonni naannoo Gadaariif kunniin haala nageenyaa daangaa Ityoophiyaa irra jiru too’achuudhaaf gara iddoo Galabaat jedhamuu kan imalan tahuu gabaafame.

Balaa Xiyyaara Suudaan Galabaat

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button