header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Bulchiinsi Godina Silxee Dubartoonni Sababa Niqaabaatiin hojii mootummaa irraa ari’amanii turan akka deebi’an murteesse

Naannoo Kibbaa keessatti ummanni Godina Silxee guutumatti Muslimaa tahuun isaanii ni beekkama. Haata’u malee maqaa finxaalessummaa too’achuu jedhuun yeroo dheeraaf ummata Godinacha irratti dhibbaan hamaan geggeeffamaa ture. Haaluma kanaan ajaja seeraan alaa hooggantoota mootummaa naannichaa fi Federaalaa irraa kennamaa tureen dubartoonni  niqaaba uffatan hujii mootummaa  irraa ari’amanii turan. Haaluma walfakkaatuun qondaaltonni Godinichaa mirga ummataatiif falmanis hidhaamaa fi hujii irraa ari’amaa kan turan tahuun ni beekama.

Jijjiirama akka biyyatti dhufaa jiru kana hordofuun, guyyaa hardhaa Kaabineen Godinichaa dubartoonni hojjattoota mootummaa turanii fi kanaan dura Niqaaba hin mulqannu jechuu isaaniitiif qofa hujii isaanii irraa ari’amanii turan, haal duree tokko malee gara hujiitti akka deebi’an murteessee jira. Dabalataanis mindaan isaanii hanaga har’aatti irraa cite hundi shallaggamee akka kafalamuuf kan murtaaye tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button