AfrikaaOdeeyfannoo

Baqattoonni Lammii Ityoophiyaa tahuun shakkaman 60 ol Moazaambik keessatti du’uu gabaafame

Qondaaltonni Fayyaa Moozaambik AFP’f akka himanitti, Baqattoonni lammummaan isaanii Ityoophiyaa tahuun shakkaman 60 ol Konkolaataa Meeshaa fe’u keessatti du’anii, Kiibxata har’aa kutaa Kaba Lixa biyyattii Tete jedhamtu keessatti kan argaman tahuu ibsan.

Akka gabaasa kanaatti, konkolaataan seeraan alaa baqattoota 78 fe’atee Malaawii irraa ka’uun Moozaambik keessa qaxxaamuraa ture yemmuu qondaaltota biyyattiitiin to’annaa jala ooletti, namoonni 64 du’anii akka argamaniifi baqattoonni 12 qofti lubbuun kan argaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Show More

...

Back to top button