
Manni Maree Naannoo Somaalee mirga himatamuu dhabuu qondaaltota nannichaa 12 kaasuu beeksise
Manni marichaa qondaaltota naannichaa sadarkaa hoggansa ol’aanaa irra turan kanneen sababaan mirga himatamuu dhabuu irraa mulqeef, sarbamiinsa mirgoota dhala namaa dabalatee yakkoota gara garaa raawwachuun waan shakkamaniifi tahuu beeksise.
Namoota mirgi himatamuu dhabuu irraa mulqame 12’n keessaa 6 sarbamiinsa mirgoota dhala namaatiin, kan hafan 6 ammoo malaammaltummaa fi yakkoota garaa garaatiin himanni irratti banamuu gabaafame.
Namoota 12’n keessaa jaha har’a too’annaa jala kan oolan yoo tahu, gariin isaanii ammoo biyyaa irraa dheessanii kan bahan tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Haata’u malee namoota biyyaa bahanis himannaan isaanii bakka isaan hin jirretti kan ilaalamu tahuu ibsame.