header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Barattoota Yuunivarsitii Naannoo Oromiyaa fi Naannoo Soomaleetti ramadamanii turaniif jijjirraan Ramaddii godhame.

Waldhabbi naannoolee lamaan jiddutti uumameen barattoonni Oromoo Yuunivarsitiiwwan naannoo Somaalee keessatti argamanitti ramadaman, lubbuu keenyaaf ni sodaanna jechuun achitti deebi’anii kan hin baranne tahuu ministeera barnootaatti iyyannoo dhiheessuun ni yaadatama.

Kanuma irratti hundaa’uun ministeerri barnoota barattooni naannolee lamaan irraa Yuunivarsiitii naannoolee lamaan keessatti argamanitti bara kana ramadamanii fi kanaan dura ramadamanii barataa turan, yeroodhaaf Yuunivarsitiiwwan naannoolee biraa keessatti argaman kan birootti ramadamanii barnoota isaanii akka itti fufan murteessee jira.

Barattoonni bara kana ramadamani( haraawni) Websaaytii Ejeensii  Qormaata Biyyoolessaa irra seenuun akka laallatanii fi akkasumas barattoonni waggaa lammaffaa fi sanii oli immoo ramaddii isaanii websaayti ministeera barnoota biyyaattii irraa ilaallatuun akka dhaqanii barnoota isaanii horfdofaan ibsameera.

Websaaytii Ejeensii  Qormaata Biyyoolessaa.
www.moe.gov.et

websaayti ministeera barnoota biyyaattii
http://www.app.neaea.gov.et

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button