header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Beeksisa Ariifachiisaa! Namoota Viidiyoo Nuuralhudaa Youtube keessan irratti maxxansitan hundaaf!

YouTube Copyright

Dhaabbanni YouTube Copyright irratti seera haalaan jabeessutti jira. Prodaakshiina nuti hojjanne kan namoonni biroo Facebook keenyarraa fuudhanii Youtube irratti maxxansan, yoo nuti Youtube keenyarratti deebisnee maxxansinu copyright nurraa godhutti jira. Kun ammoo chaanaala keenyaaf rakkoo guddaadha. Tarii chaanaala nurratti cufsiisuu dandaya. Chaanaala Kanaan dhaamsa hawaasa bal’aaf dabarsina. Fuul duraafis hojiiwwan gurguddoo heddu gama chaanaala kanaatiin hojjachuuf deemna. Kanaafuu namoonni viidiyoo Nuuralhudaa Youtube keessan irratti maxxansitan, viidiyoolee Nuuralhudaa kan amma dura maxxansitan hunda hatantamaan akka kaastan kabajaan isin yaadachiisna. Dabalataan amma boodas viidiyoo Nuuralhudaa tokkollee akka Youtube keessan irratti hin maxxansine isin hubachiisna. Namoota yaadachiisa kana tarkaanfatanii viidiyoolee Nuuralhudaa chaanaala isaanii irratti maxxansan kamuu, gama dhaabbata Youtube Report kan goonu tahuu asumaan isin beeksisna. Kun ammoo chaanaala keessan isinirratti cufsiisuu danda’a. rakkoon kun hundi osoo hin mudatin of eeggannoo barbaachisu akka gootan asumaan dhaamsa obbolummaa isinii dabarsina.

Amma dura namoota muraasa kan youtube isaanii irratti viidiyoo Nuuralhudaa fayyadaman, viidiyoo Nuuralhudaa akka hin fayyadamne gama hojjattoota Nuuralhudaatiin gama keessaatiin dubbisnee hubachiisnee turre. Isaan garuu yaada kana fudhachuu didanii viidiyoowwan Nuuralhudaa heddu fayyadamuu itti fufaniiru. Kanaafuu carraan nuti qabnu tokkichi, chaanaala Hawaasni bal’aan irraa fayyadamu kana tiysuuf jecha gama dhaabbata Youtube report gochuu qofa. Yeroo ammaa kana viidiyoowwan Nuuralhudaa 200 ol chaanaala namnoota biroo irratti maxxanfamanii jiru. Viidiyoolee kanniin hunda takka takkaan report godhuuf deemna. San dura garuu namoonni viidiyoo nuuralhudaa chaanaala keessan irratti fayyadamaa jirtan hatattakaam akka kaastan kabajaan isin beeksisna. Dhimmi dhimma mallaqaatii miti. Nuuralhudaan mallaqa Youtube irraa argatuun osoo hin taane deeggarsa hawaasa bal’aatiin socho’a. chaanaalli kun cufamuun garuu hawaasa miidiyaa kana jaalatuuf miidhaa guddaadha. Kanaafuu faaydaa hawaasa bal’aatiif jecha waan barbaachisaa tahe hunda kan goonu tahuu gamanumaan isin beeysisna.

isinis hojiin kidmaa diinii akka hin gufanne akka nu gargaartan isin gaafanna.

Kutaa Qindoomina Sagantaalee fi

Bulchiinsa Miidiyaa Nuuralhudaa irraa

Nuuralhudaa

Soora Qalbii Muslimaa

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button