header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Obboleessi Malik Salmaan biyya itti baqate irraa gara Sa’uudii deebi’e

Ahmad Bin Abdulaziiz obboleessa quxisuu Malik Salmaan Bin Abdulaziiz yoo tahu, Ministeera biyya keessaa dabalatee yeroo dheeraadhaaf mootummaa Sa’udii keessatti dhaabbilee gara garaa hogganaa ture.  Ahmad Bin Abdulaziiz bra 2012 keessa taayitaa mootummaa irraa soorama bahee ture. Haa ta’u malee dhaaltuun gonfoo Muhammad Bin Salmaan eega gara taayitaa dhufee booda, waldhabdee jara lamaan jiddutti uumameen biyya irraa baqatee UK magaalaa London keessa kan jiraataa ture tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

 

Humnoonni tikaa mootummaa Sa’uudii gaazexeessaa Jamaal Khaashoqjii qonsilaa Istanbul keessatti eega ajjeesanii booda, mootummaa Sa’uudii guutuu addunyaa irraa balaleffannaan cimaan irratti ka’ee jira.  Keessattuu Turkiyaan ajjeechaa Khaashoqjii hoggansi ol’aanaan ajajuu raga qabna jechuu isii hordofuun, Ameerikaa fi UK gargaarsa Siyaasaa Muhammad Bin Salmaaniif godhaa turan kan hir’isaa jiran tahuun beekamee jira.

 

 

Haaluma kanaan Malik Salmaan taayitaa Muhammad Bin Salmaan dabalatee hoggansa biyyattii irratti too’annaa kan cimse akka tahee fi Obboleessi isaa Ahmad Bin Abdulaziiz gara biyyaatti deebi’ee jijjiirama caasaa keessatti akka hirmaatuuf Ameerikaa fi Briteen waliin kan walii galan tahuu New York Times gabaase. Haaluma kanaan Ameerikaa fi Briteen Ahmad Bin Abdulaziiz gara biyyaatti akka deebi’uuf wabii nageenyaa kan kennaniif tahuu gabaafame.

 

 

Odeeyfannoo walqabateen Ameerikaan lola Sa’uudiin Yaman keessatti geggeessaa jirtu  kanaan booda kan hin deeggarre tahuu beeksifte. Ministeerri Ittisa Ameerikaa James Mattis, “gamtaan waraana Arabaa Sa’uudiin hogganamu haleellaa Yaman keessatti raawwataa jiru hatattamaan dhaabuu qaba”jedhe. Mattis itti dabaluudhaanis , gareen gama lamaanituu guyyaa 30 keessatti furmaata siyaasaa barbaaduuf marii akka jalqaban akeekkachiise. Ameerikaan haleellaa gamtaan waraana Arabaa Yaman keessatti raawwataa ture, deeggarsa siyaasaa fi basaasa waraanaa kennaafii turte.

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button