header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Breaking News: Muummichi ministeera Iiraaq aangoo gadi lakkisuuf qophii tahuu beeksise

Lammiileen Iraaq malaamaltummaa mootummaa biyyattii keessatti babal’ateen walqabatee, qaalayiinsa jireenyaa hammaataa dhufe mormuun ji’a lama dura daanditti bahuun isaanii ni beekama. Mootummaan biyyattii rakkoo diinagdee furuuf kan carraaqaa jiru tahuu ibsuun lammiileen biyyattii akka tasgabbaahan kan gaafataa ture tahus, mormiin ummataa kun magaalota heddu keessatti itti fufee jira.

Yeroo dhihoo as ammoo mormiin magaalota biyyattii heddu keessatti ka’e gara jeequmsaatti jijjiiramuun lubbuu namaa fi qabeenya heddu kan galaafataa jiru yoo tahu, loltoonni mootummaatis tarkaanfii humnaa fudhataa jiraniin guyyaa kaleessaa qofa magaalota Nasriyaa fi Najaaf jedhaman keessatti namoonni 50 ol ajjeefamanii jiru.

Kanuma hordofuun humnoonni siyaasaa biyyattii muummichi ministeeraa angoo isaa akka gadi lakkisuu dhiibbaa cimaa godhaa jiran. Haaluma kanaan muummichi ministeera Iiraaq Adiil Abdul Mahdi ibsa Jum’aa har’aa baaseen aangoo gadi lakkisuuf qophii tahuu beeksise. Mr Adiil ibsa isaa kanaan “aangoo muummicha ministeeraa gadi lakkisuuf xalayaa paarlaamaaf ni galcha; paarlaamaan hogganaa biyyattii bakka koo bu’uu danda’u akka filatu gamanumaan beeksisa”jedhe.

Dhaabbiileen mirga namoomaa akka jedhanitti, hiriira mormii Iiraaq keessatti geggeeffamaa jiruun walqabatee, tarkaanfii humnaa mootummaan fudhataa jiruun lubbuun namoota 400 ol darbuu ibsame.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button